Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoo Saalaan Wal Qabate Kan Barattoota Yunivarsitii Walloo


Barattoota Yunivarsitii Walloo
Barattoota Yunivarsitii Walloo

Barattoonni dubartootaa Yuniversitii waggaa tokkoffaa rakkoolee fi dhiibbaa adda addaaf saaxilamoo ta’uu isaanii kan ibsa ogeessonni dhimma saalaa murtii gara milkaa’inaatti isaan geessu akka murteessan gochuuf deggersa kan isaan barabaachisu ta’uu beeksisan.

Kanaaf fakkeenya kan ta’uuf Yuniversitii Walloo keessatti tattaaffiin godhamaa jiru rakkoolee barattoota dubartoota Yuniversitii adda addaa keessa jiran qaban kan irratti calaqqise ture.

Barattuun Yuniversitii Walloo tokko akka jettetti alli ittiin ulfa of irraa ittisan kan yeroo dheeraa fi gababaatu jira. Kana fayyadamuu dandeenyaan ulfa ofi irraa ittisuu dandeenya.

Yuniversitii Walloo keessa kan jiran barattoota dubartootaa waggaa tokkoffaa keessaa hangi tokko rakkoo saalaa ilaalchisee mudachuu kan danda’u irratti marii geggeessaa jiran. Carraa adda addaan kan geggeeffamu leenjii adda addaa keessaa tokko kan ta’e leenjiin kun barattoota waggaa tokkoffaa qofaa kan hirmaachiseef sababaan adda durummaa dhaan kan miidhaman isaan waan ta’aniif akka ta’e ibsameera.

Yuniversitichatti barsiistuu siiviksii fi amala gaarii kan ta’an professorri lammii Ameerikaa Loorii Hartimen Mahamud kanneen barattoota kanaaf ibsa kennan keessaa tokko.

Waraqaa qorannoo isaanii kan barreessan dhimmootii saalaa irratti ta’uu kan ibsan bariistuun lammii Ameerikaa kun barattoota waggaa tokkoffaa irratti fuuleffatamuun sirrii ta’uu isaa dubbatu.Barattoota dubartootaa gara Yuniversitii dhufan hedduu dhaaf maatiittii adda ba’uun isa duraa ti.

Jireenya maatii isaanii hin hirmaachisne ka jalqabaa. Yeroo kanatti maatiin isaanii to’annaa hin godhaniif. Gorsa kennuufii hin danda’an. Kanaaf barsiistuu sirna saalaa kan ta’an Dr.Masarat waliin ennaa dubbannu saaximamoo ta’uu isaanii itti amanne.

Sababiin isaas qofaa isaanii ti. muuxannoo isaanii duraatis. Sababaa kana irraan kan ka’e murtii isaan murteessan hangi tokko gaarii miti. Ykn sirrii ta’uu isaa hin beekan.

Leenjiin kun kan qophaa’eef sababaan asii maal akka hojjetan, maaliif akka as dhufan daran akka hubataniif murtii gara miklaa’inaatti isaan geessu akka horatan gochuufi jedhan.Leenjiin sun kan geggeessame deggersa Embaasiin Ameerikaa godheen ta’uun beekameera.

Leenjii sana irratti argamanii haasaa barattoota sana jajjabeessu kan dhageessisan Embasii Ameerikaa Finfinnee jirutti itti aanaa itti gaafatamaa gurmuu United States Peter Viruman ofitti amantaan isaanii dabaluu akka danda’u VOAf ibsaniiru.

Dubartoonni barnoota isaanii Yuniversitii addaan kutan bakka jiranitti, kanneen doorsisamanii fi yeroo tokko tokkos hookkarri quunnamtii saalaa irra ga’e haala jiru keessatti eenyutti akka dubbatan hin beekan. Keessuma isaaniitti akka qabatan barattoonni hangi tokko natti himaniiru. Kanaaf kilaboota sirna saalaa fi seminaarota kan akkasii yoo geggeessame yaaddoo miidhaan na irra ga’aa laata jedhu jalaa walaba ta’anii waan itti dhaga’ame dubbachuu danda’u.

Kanaaf, rakkoon ennaa irra ga’u ykn hiriyoonni isaanii dararaan saalaa ykn doorsisamuun irra ga’uu isaa ennaa argan eenyutti akka dubbatan beeku.

Rakkoo Saalaan Wal Qabate Kan Barattoota Yunivarsitii Walloo: Kutaa Tokko
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:59 0:00
Xurree marsariitii
Rakkoo Saalaan Wal Qabate Kan Barattoota Yunivarsitii Walloo: Kutaa Lammataa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:17 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG