Xurree ittiin seenan

Breaking News

Falmii Dhimma Inshuraansii “Obama Care” Hambisuu Mana Maree Ameerikaa Keessatti


Demokraatonni uummata sagalee kenne wabii godhatanii tarsiimoon isaanii akka hojjetu ofitti amantaan dubbataa jiran.
Demokraatonni uummata sagalee kenne wabii godhatanii tarsiimoon isaanii akka hojjetu ofitti amantaan dubbataa jiran.

Haala biilsa mana maree bakka bu’ootaa Ameerikaa keessatti baratamaa hin ta’in presidentii yeroo isaanii xumuranii fi kan haaraa filataman itti aanaa presidentii miseensota paartii isaanii waliin ta’uu dhaan bulchiinsa Trumpiif falmii jalqabaa eegalan.

Mariin cimaa ta’e kun gara fuula duraatti falmii cimaa paartii lamaan gidduu jiruuf mallattoo dha. Itti aanaa presidentiin haaraa filataman Pence Republikaanota mana maree bakka bu’otaaf akka himanitti tarkaanfiin dura fudhatamu kan insuransii fayyaa “Obama care” jedhu hambisuu fagoo miti jedhan.

Dhugumatti guyyaa jalqabaa guyyaa dhumti sun utuu hin dhumin presidentiin haaraa filataman waajjira keessa taa’anii tarkaanfii jalqabaa fudhatu jennee yaanna jedhan.

Demokraatonni garuu uummata sagalee kenne wabii godhatanii tarsiimoon isaanii akka hojjetu ofitti amantaan dubbataa jiran.

Prezidaantichi ifatti akka dubbatan siyaasi jiru gara keenya goreera. Qorannaa geggeessame irra jireessa ennaa ilaaltu, uummati Ameerikaa insuraansiin kun akka hafu hin barbaadan.

White House booda irra akeekkachiisa Republikaanotaaf kenneen tarkaanfiin dura fudhatamu kan isaan yaadan caalaa cimaa ta’uu mala jedhee jira.

Ennaa duula filannoo waadaa galamee kan yaada uummataan xiinxalamee fi biyya addunyaa irraa guddoo taate kana hoogganuuf yeroo itti gaafatama fudhatan waadaa seenan hojiitti hiikuu gidduu adda addummaatu jira jedha ibsi White House.

Wal ga’iin kun geggeessamaa ennaa jiru kanatti kan presidentummaaf filataman Donald Trump Republikaanonni milkaa’ina dhabuu insuraansii eegumsa fayyaa sanaaf demokraatota balaaleffachuu akka itti fufan Twitierii irratti ergaa dabarsan. Ripuublikaanonnis erga Twitter Trump simataniiru.

Gabaasnii sagalee kinooti

XS
SM
MD
LG