Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaa: Ardii Uummatoonni Ishee Alfii, Garuu Hoogganoonni Ishee Taayitaa Irratti Dullooman


Afrikaa: Ardii Uummatoonni Ishee Alfii, Garuu Hoogganoonni Ishee Taayitaa Irratti Dullooman
Afrikaa: Ardii Uummatoonni Ishee Alfii, Garuu Hoogganoonni Ishee Taayitaa Irratti Dullooman

Ardiin uummata halfii baay’ee qabaachuun beekamte – Afrikaan, maadhee hoogganoota baay’ee dulloomanii fi wagggoota baay’ee taayitaa qabatanii turuun addunyaa irratti gita dhabanii haga tokkoo taatee jirti.

Akka lakkoobsa uummataa Tokkummaa Mootummootaatti, Addunyaa irratti, biyyoota uummata halfii yokaan umuriin ka’imaa qabaachuun sadarkaa ol’aanaa irra jiran keessaa kudhan Afrikaa keessatti argamu. Kana irraa ka’uudhaan ennaa shallagamu, uummatni Afrikaa giddu-galeessatti umuriin isaa waggaa digdama. Gabaasaa Dhaabbata Basaasaa Waaltaa, kan CIA irratti akka ilaalametti, uummatni Yunaayitid Isteets umuriin isaa giddu-galeessaatti waggaa soddomii-toorbaa fi qabxii sagal.

Gama biraatiin, akka gabaasaa dhiheenya baheetti, hoogganootni Afrikaa, yoo xiqqaate, waggoota digdamaaf taayitaa irra turan saddeet yoo tahan, umuriin isaanii giddu-galatti, waggaa toorbaatamii lama.

Kana jechuun, lammiwwan biyyoota Afrikaa miliyoona hedduutti lakkaawaman, umurii isaanii keessatti hoogganaan biyya isaanii beekan tokkicha qofa. Kana irraa ka’uun ennaa ilaalamu, hoogganoonni kun irra caalaan, interneetii fi miidiyaan hawaasummaa dhalachuu dura dhalatan. Inumaa, umurii Prezidaantii Zimbaabuwee, ka Roobert Mugaabee irraa kaanee yoo ilaallae immoo, otuu televiizsiniin, aadduun rifeensaa humna eletrikiin hojjetuu fi murtuun daabboo awutoomaatikii hin dhalatiin dhalatan.

Sababaa kanaatiin dorgaggoonni hedduun hojii tajaajilaa uummataa, ka mootummaatti hirmaachuuf kaka’umsa hin qaban.

Sochiileen mormitootaa Afrikaa keessaas irra-hedduun isaanii, waggoota hedduudhaaf namuma tokkoon hoogganaman.

Kana cuqaasuun gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG