Xurree ittiin seenan

Uummatni Fiilmii Daandii Wal-maraa Eebbisiisuuf Kumaan Yaa’e Hegeree Fiilmii Oromoof Abdii Haaraa Hore

  • Namoo Daandii

Fiilmii Afaan Oromoo, Daandii Wal-Maraa

Dilbata gaafa Caamsaa toorbaa, fiilmiin Afaan Oromoo haaraan “Daandii Wal-maraa” jedhamu, galma aadaa Oromoo, ka magaalaa Finfinnee jiru keessatti yeroo eebbifamee banametti uummatni kumaan lakkaawamu yaa’ee daawwachuun isaa sabaa-himaalee hawaasummaan gabaasamaa ture. Kana ilaalchisee, barreessaa fi daarektara fiilmii kanaa Amaanu’eel Admaasuu Garoo qophii keenya torban dabree irratti haasosiisuun keenya ni yaadatama.

Akkuman torban dabre dubbadhetti, har’a immoo daawwattoota sirna baninsa fiilmii “Daandii Walmaraa” irratti argaman keessaa namoota lama haasofiiseen jira. Barsiisaa seeraa fi waloo beekamaa – Lataa Qana’ii Aagaa fi Gaazzexeessaa fi ogeessa Koomiyunikeeshinii – Gammadaa Olaanaati keessummoonni kiyya.

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG