Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaddachii Banaa moo Cufataan Gaggeeffamuu Qaba?


Dhaddachii Banaa moo Cufataan Gaggeeffamuu Qaba?
Dhaddachii Banaa moo Cufataan Gaggeeffamuu Qaba?

Dhimma gubachuu mana hidhaa Qilinxoo waliin wal qabatee namoota himataman irratti yakki ilaalchii gaggeeffamu cufataan ta’u qaba jechuun gaaffii abbaan alangaa dhiyeesse abukaatoon himatamtootaa mormanii jiru.Falmii gam lameen giddutti gaggeeffame kun sagaleen kan waraabame yoo ta’u barreeffamaan dhiyeessuuf manni murtii har’atti beellama qabee ture.Garu manni murtii barreeffamaan dhiyeessuuf har’atti hin danda’amne jechuun ammas boritti bellama biraa kennee jira.

Abbaan alangaa garu eenyummaan raga baatootaa akka hin beekamneef akkasumas nageenya isaaniif jecha cufataan ta’u qaba jedhee falmaa jira. Abbaan alangaa gama isaan ammaan dura gaaffii wal fakkaataa dhiyaatee manni murtii fudhatama dhabsisuun isaa ni yaadatama. Kanaaf jecha ammas akka haaraatti gaaffii wal fakkaataa kana keessumeessuun dogoggoora jedhu .

Dhaddachii Banaa moo Cufataan Gaggeeffamuu Qaba?
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:16 0:00

XS
SM
MD
LG