Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaafii Garee Mormituu Miseensota Paarlaamaa Itiyoophiyaa Keessaa


Faayilii - Paarlaamaa Itoophiyaa, Onkoloolessa 4, 2021
Faayilii - Paarlaamaa Itoophiyaa, Onkoloolessa 4, 2021

Miseensonni Paarlaamaa Itiyoophiyaa garee mormituu irraa ta’an, muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa haala wal waraansa Itiyoophiyaa keessaa seera tumtootaaf ibsa akka kennan gaafatan.

Xalayaa afaan yaa’ii mana maree bakka bu’oota uummataaf erganiin miseensi paarlaamaa kan paartii EZEMA akka jedhanitti, muummichi mnisteerichaa paarlaamaa duratti dhiyaatanii gaaffii kan akka mootummaan yoom duula waraanaa xumuree jiraattonni Walloo fi naannoo ishee jiran jireenya nagaatti akka deebi’an karoorse? Wal waraansi kun dafee akka xumuramu gochuuf qoodi mormitootaa fi kanneen biroo maal akka ta’u barbaada mootummaan? Walitti bu’iinsa kana ilaalchisee ragaan sirriitti dhaqqabuu dhabuu ilaalchisee mootummaan maal hojjetaa jira kan jedhu gaafachuu isaanii dura taa’aa paartii EZEMA gaafachuun Meleskaachoo Ammahaa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG