Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koreen Dhimmootii Alaa Yunaayitid Isteetis Itiyoophiyaa Ilaalchisuun Murtii Ejjennoo Dabarse


Miseensa mana maree bakka bu’ootaa ka Yunaaytid Isteets, Keren Baas (suuraa faayilii)
Miseensa mana maree bakka bu’ootaa ka Yunaaytid Isteets, Keren Baas (suuraa faayilii)

Kamisa darbe, koreen dhimmootii alaa mana maree bakka bu’oota uumataa Yunaayitid Isteetis, kan fooyyeffame seera H.Res.445 jedhuun jeeqama fi dhiittaa mirga namaa Itiyoophiyaa keessaa mara balaaleffachuu akkasumas walitti bu’iinsa gama kaaba biyyattii keessaa gareen wal fincilan dubbiif wal barbaaduu akka dhaaban, mirga namaa akka kabajan, gargaarsa namoomaaf dhorkaa male akka daandiin saaqanii fi himannaa gocha gara jabinaa qabatamaa ta’eef qaamni walabaa akka qoratu walii galtee akka argarsiisan gaafatee jira.

Koreen Dhimmootii Alaa Yunaayitid Isteetis Itiyoophiyaa Ilaalchisuun Murtii Ejjennoo Dabarse
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:08 0:00



Murtii ejjennoo sun erga darbee booda, miseensa mana maree kan ta’an Karen Baas ibsa armaan gadii baasanii jiran. Baatii sadaasa bara 2020 keessa haleellaa Addi bilisummaa uummata Tigraay maadhee humna ittisaa Itiyoophiyaa irratti jalqabeen, humni ittisaa deebii kenne. Walitti bu’iinsi kunis ennaa gareeleen lamaan tarsiimoo dhaan humnootii biraa waliin tokkummaa uummatanitti gara naannolee Affaariif Amaaraatti babal’ate. Jijjiiramni ta’ee, walii galteen lola dhaabinsaa yoo tolfame malee, walitti bu’insi kun kutaalee biyyattii ka biroottis ni babal’ata soda jedhun qaba jedhan Bass.

Itti dabaluu dhaanis murtiin ejjennoo sun, Addi bilisummaa uummata Tigraay, ijoollee loltummaatti bobbaasuu dhaabuu qaba, humnootii isaa naannoo Amaaraa keessaa baasuu dhaan wal ta’iinsa ABO-SHANEE himna hidhatee socho’u kan waraana bilisummaa Oromoo waliin qabu dhaabuu qaba jedha.

Murtiin ejjennoo sun hojjettoota gargaarsaa fi gargaarsa namoomaaf battala, kanneen walakkaa miliyoonaa ta’aniif haala beelli fakkaatu isaan mudatuuf akka dhaqqaban, daandiin saaqamuu qaba jedhee jira. Itti dabaluu dhaanis raayyaan ittisa biyyoolessaa Itiyoophiyaa, guyyaatti konkolaataa gargaarsaa 100 gara Tigraayitti erguu qaba jedha. Humnootiin ABUT-n hoogganamanis konkolaataa gargaarsaa to’achuu fi meeshaalee gargaarsaa saamuu hin qaban, akkaumas gargaarsa itti dabalaa fe’anii deebi’anii akka seenanii fi ba’an gochuuf konkoaattonni gargaarsaaf daandii akka saaqan gaafata murtiin ejjennoo nsun.

Karen Baas itti fufuu dhaan “ walitti bu’iinsa kanaaf furmaati waraanaa hin jiru jedheen amana. Kanaaf yoo mariin biyyoolessaa hin geggeessamu ta’e biyyattiin addaan caccabaa jirti yaaddoo jedhun qaba. Jedhan. Jeeqamni kun yoo itti fufe, uggurri bulchiinsa biyya koo tii irra kaa’amuu mala, Itiyoophiyaan Itiyoophiyaan hirmannaa isheen Carraa fi Misooma Guddina Afriikaaf jddhu, seera dalaldalaa Yunaayitid Isteetis baastee ittiin hojjetu kan AGOA jedhamu keessatti qabdu murtaa’aa ta’uu danda’a soda jedhun qaba jedhan.

Walitti bu’iinsi kunii fi rakkoon namoomaa sababaa kanaan mudate, Itiyoopohiyaan akka utubaa ardittii taatee itti fufuuf akkasumas nagaa fi nageenya naannoof gumaacha ijoo gochuuf dandeetii isheeen dhabamsiisa. Kanaaf haala kana jijjiiruu qabna jedhan jedha ibsi miseensa mana maree bakka bu’ootaa Karen Bassin ba’e kun.

XS
SM
MD
LG