Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummanni Afgaanistaan Gargaarsa Barbaada:Jaarmayoota Gargaarsaa 


Faayilii - Ijoollee Afgaanistan, Kaabul,Onkoloolessa 15, 2021
Faayilii - Ijoollee Afgaanistan, Kaabul,Onkoloolessa 15, 2021

Afgaanistaan keessatti gargaarsii dhala namaa barbaachisuu haalaan dabalaa adeemuu isaa kan ibsan dhaabattonni tokkummaa mootummootaa walkkaan uummata biyyatti Miliyoona 22.8 baatii dhufuu jechuun Sadaasaa qabee, hanqiinni wabii nyaata kan isaan mudachuuf jiru ta’u ibsee jira.

Jaarmayaan nyaataa fi qonnaa akkasumas sagantaan Nyaata Addunyaa qorannaa walii wajjiin gaggeessaniin akka ibsanti, caama, walitti bu’iinsa, fi diinagdeen gad adeemuun walitti dabalamee jireenyaa lammiwwan biyyatti miidhuun, akka nyaata dhaban taasisee.

Kanneen rakkinaaf saaxilamuuf jiran keessaa Miliyoonni 3.2 ijoollee umriin shanii gadii yoo ta’an,dhuma waggaa kanaa jechuun baatii lama boodaa kaasee, hanqiina nyaataan rakkachuuf jiru jedhamee kan eegamuu ta’u, qorannana gaggeessan hubachisee jira..

Baatiin qabbanaa fi cabbii seenaa jiru kana keessatti, namoota gargaarsa eeggatan dhaqqabuu irratti soda uumuun isaa gabaafamee jira.

XS
SM
MD
LG