Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maqalee Irratti Jimaata Har’a Haleellaan Gaggeeffamee Jira


Faayilii - Haleellaa samii irraa Maqalee keessatti Roobii darbe geggeeffame, Onkoloolessa 20, 2021
Faayilii - Haleellaa samii irraa Maqalee keessatti Roobii darbe geggeeffame, Onkoloolessa 20, 2021

Mootummaan Itiyoophiyaa jimaata har’a yeroo arfaffaaf haleellaa samii irraa magaala maqalee irratti gaggeesseen Yunivarsitii haleeluu isaa humnootiin Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(ABUT) fi madden gargaarsaa ibsan jechuun dhaabbatii oduu ta’u Rooytars gabaasee jira.Sababaa haleellaa gaggeeffamuun uummanni kuma hedduun garaTigraay kibbaatti dheessaa kan jiran ta’uun gabaasee jira.

Mootummaan Itiyoophiyaa akka jedhutti,haleellaan har’a kun maadhee duraan kan waraanaa turee fi amma immo ABUT itti gargaaramaa jiru irratti qiyyaafate.Dubbii himaan mootummaa Itiyoophiyaa Laggasee Tulluu Rooytarsiif akka hubachiisanti Yunivarsitiin hin rukutamne.

Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti lafa ABUTdhiyeenya kana to’atee gadhisiuuf jecha wal waraansii hammaatee yeroo jiruutti magaala Maqalee irratti torban kana keessa yeroo arfaffaaf samii irraa haleellaan gaggeeffame.

Dubbi himaan ABUT Geetaachoo Raddaa dhaabata oduu Rooytarsiif akka ibsanti, haleellaan har’a kun mooraa Yunivarsitii Maqalee irratti ture.Namnii meeqa akka ajjeefamee garu odeeffannoo hin qabu jedhan.

Gama kaaniin xayyaaronni Tokkummaa Mootummootaa gargaarsa fe’an kan silaa har’a maqalee keessa qubachuuf turan, sababaa haleellaa samii irraa jimaata har’a gaggeeffameen kan ka’e ituu hin qubatiin hafuu isaanii maddeen gargaarsa dhala namaa hedduun ibsanii jiru.

Xayyaaronni sun Maqalee keesa akka qubachuuf jiran aangawoonni ni beeku turan jechuun Ashosheetid Preesiif kan ibsan Dubbii himaan mootummaa Itiyoophiyaa Laggasaa Tulluu garu, balaliin xayyaaraa kan Tokkummaa mootummootaa fi balaliin haeellaa waraanaa sa’atii fi kallattii adda addaa irra ture jedhan.

Xayyaaronni kun hagam walitti dhiyaatanii akka turan ammatti hin ibsamiin jira jedha dhaabatii oduu kun.

Gama kaaniin oduu gabaasaa RSA maqaleeraa akka gabaaseetti,

Haalelllaan har’a samii irraa gaggeeffame magaala Maqalee gama bahaa naannoo Yunivarsitii Maqalee mooraa Indaa yesuustti ture.Haleellaa Kanaan midhaan nama irra ga’e beekuun hin danda’amiin jira.

Itti aanaa bulchaan maqaala Maqalee Dr. Gabra Medhiin Kiroos RSA akka ibsanti, torban kana keessa naannoo manneen jireenyaa uummataa fi dhaabbattoota irratti haleellaan samii irraa gaggeeffamuu lubbuu namoota nagaa galaafatee kaan qaama miidhuun, qabeenyaas barbadeesse jedhanii, inni har’as kunis itti fuufiinsa kanaa ti jedhan.

Haleellaa har’a Kanaan yunivarsitii Maqalee naannoo mooraa Indaa Yesuus jedhamu kan jiru tullaa midhaan qonnaan bultootaa irratti midhaa dhaqqabsisee jira kan jedhan itti aanaa kantibaan magaalaa Maqalee, yeroo uummanni karaan hundi itti cufamee beela’aa jiruutti, tullaa midhaanii gubuun kun uummata kana dhabmsisuuf karoorri jiru itti fufuu isaa agarsiisa jechuun himatan.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Maqalee Irratti Jimaata Har’a Haleellaan Gaggeeffamee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:44 0:00


XS
SM
MD
LG