Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kirkirri Lafaa Dirree Dhawaa Keessatti Mudate


Magaala Dirree Dhawaa (suuraa faayilii)
Magaala Dirree Dhawaa (suuraa faayilii)

Dirree Dhawaa fi Haroomaayaa gidduu kan jiru naannoo gaarreenii fi dachii gad jedhaan bakka wal arguu qabee hanga sulula naannoo Affaar jirutti torban tokko keessa yeroo afur kirkirri lafaa mudhachuu isaa Yuniversitii Finfinneetti profeesera kan ta’an Attaalaay Ayyelee mirkaneessaniiru.

Rekter Iskeelii 4.5 kan qabuuf kirkirri lafaa guddaatu mudate kan jedhan profeser Attaalay, sochiin isaa hanga Dirree Dhawaa fi magaalaa Hararitti dhaga’amuu isaa dubbataniiru. Arfan kun qofti kan dhaga’ame ta’uu ennaa ibsan, walumaa gala 10 mudachuu isaaa dubbataniiru.

Yuniversitii Finfinneetti waaltaa qorannaa dachee fi saayinsii Hawaatti daayirktera kan ta’an profeeser Attaalaay, Ayyelee, kirkirri lafaa sun magaalaa dhaa alatti mudate jedhaniiru.

Itti dabaluu dhaanis Haromaayaa fi Samaraatti kan argamu buufanni galmee ragaa biraa odeffannoon ennaa argamu daran beekuun kan danda’amu ta’uu profeeser Attaalay ibsaniiru.

Kana dura Itiyoophiyaa keessatti kan mudatan kirkiraawwan lafaa boodatti deebi’anii yaadachuu dhaan naannoo Affaar keessatti irra deddeebi’uun mudachuu isaa profeser Attaalaay ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG