Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seerii Marsariitii biyyootan Afrikaa Kibbaa baasuuf deeman qeeqame


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Gareen biyyoottan Afrikaa kibbaa 16 keessati argaman , inni Misoomaa Hawasa Afrikaa kibba YKN SADC jedhamee beekamuu, nageenyaa Marsaritii ykn Cybersecurity eegsisuudhaaf jechuun seerrii inii ragaasisuuf deemu mirga yaadaa ofii ibsachuu irratti akka dhiibbaa uumu ibsameera.

Yuunivesitii sayiinsii Naamibiyaatti profeesera Sub-quunamtii, Gaazexessumaa fi tekinoolojii Midiyaa kan ta’an Admire Maree akka ibsanitti, seera tumtoonni biyyoottan Afrikaa kibbaa seericha raggaasisuudhaan duratti dhiibaa inni mirga namoomaa irrati qabu ilaaluu akka qaban hubachiisuun isaanii gabaasameera.

Akka Profeeser Admire Maree jedhanitti, yemmuu seerii tokko qophaahu mirgii dhimma namoomaa wiirtuu emaammataa ta’uu qaba.

Miseensa SADC kan taatee Zimbaabu’een seera interneetaa ykn cybersecurity itti too’achu danda’mu qopheesudhaan Mallattoo prezidaantii biyyati Emeersem Mnagagwaa eeggachaa akka jiru Kolombos Mavhung haraaree irraa gabaaseera.

XS
SM
MD
LG