Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wallagga Bahaa fi Horro Guduruu Keessatti Haleellaa Raawwatame Ilaalchisuun Komiishinni Mirga Namaa Itiyoophiyaa Ibsa Baase


Naannoo Oromiyaa Godinaalee Wallagga bahaa fi Horroo Guduruu keessatti haleellaan namoota nagaa irratti raawwatamu, gara walitti bu’iinsa hawaasaatti akka hin geessine jechuun yaaddoo qabu komiishinni mirga namaa Itiyooophiyaa beeksisee jira. Naannolee walitti bu’iinsi kun keessatti raawwatamuttis mootummaan humnootii nagaa eegsisan ga’aa akka bobbaasu illee yaadachiisee jira.

Komiishinni mirga namaa Itiyoophiyaa wixata galgala ibsa ke kenneen godinaalee walaggaa bahaa fi Horroo Guduruu keessatti haleellaalee namoota nagaa irratti raawwataman yaadachiisuu dhaan haleellaaleen sun babal’ataa adeemuu isaa fi gara walitti bu’iinsa gosaatti geessuu akka malu ibsee jira.

Ibsi kunis, walitti bu’iinsi kun irra deddeebi’uu isaa hubachiisuuf ,jecha baatii walakkeessa Fulbaana darbee ibsa baase yaadachiiseera. Ennaa ibsa sanaas yaadawwan gorsaa dhiyeesse tarreessee , yaadawwan kunis hojii irra waan hin ooliniif torban tokko dura aanaa Kiiramuu ganda Haroo Addis Alem keessatti namoota nagaa irratti haleellaa raawwatameen namoonni hedduun du’uu isaanii maatii miidhamtootaa fi bulchiinsa naannoo wabii godhachuun ibsee jira.

Godinaalee Wallagga bahaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:45 0:00


XS
SM
MD
LG