Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiin Ertraa Himata Seeraan Ala Nama Deddebisuun Barbaadamaa Jira


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Abbotiin seeraa kan biyya Niizer Laand lammii Ertraa Kidaanee Zakaariyaas Habtamaariyaam jedhamu himata namoota seeraan ala deddebisuu jedhuun tarree maqaa namoota akkaan barbaadaman keessa galchee jira.

Kidaanee namoota seeraan ala nama deddebisuu keessaa harka qaba jechuun yakka ilaalcha irratti gaggeessuu barbaadu.

Manni murtii Itiyoophiyaa keessaa baatii Waxabajjii darbee Kidanen lafa hin jirreetti himatee hidhaa umrii guutuu irratti muree ture.

Kunis baqattootaa fi godaantoota Afrikaa kannen gara Awuroopaatti imaluuf yaalanii Libiyaa keessatti hidhaman darararuu fi beeleessuun himate.

Waajirri abbaa alangaa Niizeer Laand akka jedhutti, jaarmayaan Kidaaneen hundeesse, lammiwwan Ertraa kanneen Niizer Laand dhaqqabuu fedhan irratti, dararaa geesisaa, humna irratti gargaaramaa, butee fudhataa fi humnaan akka gudeeduu qorannaan gaggeeffame, agarsisee jira.

Baqattootaa fi godaantoonni kun Libiyaa keessatti kan dararaman yoo ta’u maatiin isaanii Niizer land keessaa qabanis gowwomfamaa turan jedhu aangawoonni ibsa baasaniin.

XS
SM
MD
LG