Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyii Misir warshaa bishaan calalu 17 ijaaruuf karoorfatte


Biyyi sodaa hirdhinaa bishaanii qabdu Misir warshaalee bishaan qolquleessan ykn calalan 17 ijaaruudhaaf akka socho’aa jirtu gabaasameera.

Warshaaleen unma soolaaraa fayyadamanii bishaan qulqulluu omishan kun waggoottan shaman dufan keessaatti yemuu ijaarsii isaanii xumuramu guyyaatti bishaan meetir kuubii miliiyoonii 2 fi qaxii 8 akka calaluu danda’an ibsameeraa.

Laga abbayyaa irratti Itiyoophiyaa wajjin dubbii keessa kan jirtu biyyii Misir, Baayi’inni lammiilee ishee hedduu waan dabalaa deemaa jiruuf , akka hirdhinii bishaanii fulduratii rakkina hin taaneef warshaalee bishaan qulquleessan dhaaba dhuunfaatiin ijaramna kan iraa mootummaan bishaan bitudhaan namoottan dhuunfaa fi warshaalee biroo gurgudoodhaaf gatii yaraadhaan akka gurguruu itti gaafatamaan ijaarsa warshaalee kana Ayman Soliman dubbataniiru.

Biyyi Misir yeroo ammaa umnaa guyyaatti bishaan kuubiik meetirii 800,000 calalu kan qabdu yemmuu ta’u, bara 2050 guyyaatii kubiik meetrii Miiliyoona 6 fi qabxii 4 ti guddisuudhaaf akka karoorffate gabaasameera.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG