Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Haala Gargaarsa Namoomaa Itiyoophyaa Ilaalchisuun Ibsa Kenne


Faayilii - Haadha daa'imni hanqina nyaataatiin jalaa hubamte qabatttee jirtu, Abi Adii, Tigraay, Caamsaa 21, 2021
Faayilii - Haadha daa'imni hanqina nyaataatiin jalaa hubamte qabatttee jirtu, Abi Adii, Tigraay, Caamsaa 21, 2021

Rakkoon namoomaa ka biroon kan Itiyoophiyaa keessaa kan haalli gama kaaba biyyattii mudataa jiru tilmaamuun kan hin danda’amnee fi hammataa adeemee jira jechuu dhaan dubbi himaan muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa Stephane Dujarrik beeksisaniiru.

Michoonni keenya gargaarsa namoomaa torban kana Maqalee irratti kan raawwatame haleellaa samii irraanii dabalee, walitti bu’iinsi sun hammaachuu isaaf wal waraansa dhiyeenyaan naannoo Amaaraa keessaa nmoonni hedduun qe’ee ofii irraa buqa’uun gabaasmeera jedhan.

Ammas irra deebi’uu dhaan qaamotiin martinuu kanneen walitti bu’iinsa sana keessatti hirmaatan akka seera gargaarsa namoomaa ka sadarkaa addunyaa siivilootaa fi caasaalee siviliif eegumsa godhuutti dirqama isaanii ba’uu qabu jedhaniiru.

Tigryaa keessaa haalli namoomaa sababaa deddeebiin gargaarsaa murtaa’aa ta’eef gad adeemaa deemej.

Onkoloolessa 13 fi Onkoloolessa 19 gidduu yeroo jirutti konkolaataan gargaarsa fe’ate 215 Tigraayitti ennaa ergamu, kan torban duraa irra xiqqoo dabalee jira. Konkolaataan 1,111 ta’u erga Adoolessa 12 qabee Tigraayiin kan seene yoo ta’u, kan naannoo sana seenuuf barbaachisu dhibba irraa harka 15 qofa. Akkuma beekamu guyyaatti konkolaataa gargaarsa fe’ate 100tu Tigraayiin seenuu qaba jedhan.

Torban darbe, namoonni 52,000 gargaarsa midhaan nyaataa yoo argatan, walakkaan isaanii gosa nyaataa tokko ykn lama qofaa agatan. Yoo xiqqaate namoonni 870,000 torban tokkootti gargaarsa midhaan nyaataa argachuu qabu jedhan.

Erga baatii Hagayyaa qabee michoonni keenya uummata 807,000 naannoo Amaaraa fi 76,000 ol immoo kanneen Affaar keessaa qe’ee ofii irraa buqqa’aniif midhaan nyaataa raabsanii jiru jechuu dhaan dubbi himaan kun beeksisaniiru.

XS
SM
MD
LG