Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baayiden Yunaayitid Isteetis Taayiwaaniin Deggeruuf Cicha Qabdi Jedhan


Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden, marii CNN qopheesse irratti, Onkoloolessa 21, 2021
Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden, marii CNN qopheesse irratti, Onkoloolessa 21, 2021

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden, Yunaayitid Isteetis Taayiwaan irra ni gorti, kan Chaayinaan qabiyyee koo ti ittiin jecttu odolattii kana gargaaruuf illee cicha qabdi jechuu dhaan kamisa kaleessaa dubbatan. Baayiden marii CNN qopheesse irratti, Yunaayitid Isteetis Taayiwaaniin ni deggertii gaaffii jedhuuf, eeyyee sana gochuuf cicha qabna jedhan.

Baayiden akka jedhanitti namoonni waa’ee cimina waraanaa Waashington yaadda’uu hin qaban, sababiin isaas “Chaayinaa, Rashiyaa fi addunyaa kanneen biroon seenaa addunyaa keessatti humna waraanaa cimaa” qabaachuu keenya beeku jedhan.

Kan isin yaaddessuu qabu jedhan Baayiden, sochii haala hamtuu keessa isaan buusu kan dogoggora hamaa dalaguu fi dhiisuu isaanii ti. Muddamsuun waraanaa Taayiwaanii fi Chaayinaa gidduu waggoota 40 keessatti sadarkaa hamaa irra ga’ee jira jechuu dhaan Ministeerri ittisaa Taayiwaan Chiu Kuo-cheng jalqaba baatii kanaa dubbatanii, Chaayinaan bara 2025 weerra guutummaan geggeessitee Taayiwaaniin qabiyyee isee gochuuf dandeettii qabdi jedhan.

Chaayinaan qabiyyee koo ti waan jettuuf yooo barbaachises humnaan fudhachuu qabdi jedhan.

Taayiwaan gama isheen walaba ta’uu ishee fi walabummaa fi dimokraasii isheef eegumsa akka gootu beeksiste.

XS
SM
MD
LG