Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Sudaan Mootummaan Siivilii Haa Hundaa’u Jechuun Hiriira Geggeessan


Faayilii - Hiriira magaala Daarfur keessattti geggeeffameeture, Suudan, Muddee 29, 2020.
Faayilii - Hiriira magaala Daarfur keessattti geggeeffameeture, Suudan, Muddee 29, 2020.

Mootummaa ce’umsaa Sudaan mormuuf jecha kamisa kaleessaa daandilee Kaartuum irratti hiriirri mormii geggeessamee jira. Deggertoonni wal ta’iinsa walabummaa fi humnootii jijjiiramaa Afriikaa kaaba gama bahaa, erga deggertoonni mootummaa waraanaan hoogganamu bulchiinsa sivilii mormuu dhaan sambata darbe hiriira geggeessanii booda mormiif daandiitti ba’an.

Kanneen kumaan laka’aman hiriirtonni deggertoota dimokraasii mootummaan sivilii guutummaan akka jiraatu gaafataniiru. Hiriirri mormii isaanii kunis, bakka hiriirtonni bulchiinsa waraanaa deggeran guyyoota ja’aaf turan naannoo mana mootummaatti geggeessamuu isaa Rooyiters gabaasee jira. Gareeleen kun filannoon bara 2023 utuu hin dhaqqabin dura walii galtee aangoo qooddannaa muddamaan guute ka biyyattii diigu yaaddoo jedhu dhaqqabsiisee jira.

Mootummaan prezidaant Alabashir bara 2019 erga aangoo gad dhiisee booda hoogganoonni siivilii angawoota waraanaa Sudaan waliin aangoo qooddatanii jiran. Haa ta’u malee mootummaan ce’umsaa dameen waraanaa kaabineen sivilii akka diigamu gaafachuu erga jalqabee as abdiin sirna dimokraasiif ture dukkanaa’ee jira.

Mormitoonni, dura taa’aan mana maree ol aantummaa Sudaan Jeneraal Abdel Fattah al-Burhaan amanamummaa Bashiriif qaban itti fufaniiru jechuun qeequu isaanii Al Jazeera-n gabaasee jira.

Burnahaan , kaabineen muummicha ministeeraa Abdallaa Hamdook akka diigamu gaafatan. Deggertoonni Burhaan akka jedhaitti mootummaan Hamdook dinagdee Sudaan dadhabsiise jechuu isaanii Associated press gabaaseera. Muddamsuun haa jiraatu iyyuu malee, Hamdook fi Burhaan, deggertoonni isaanii ennaa mormiin guutuu biyyattii itti fufee jiru kanatti nagaan akka bu’u gaafataniiru.

Kan hiriira sana qindeesse waldaan ogeessota Sudaan ergaa Twitter irratti maxxanseen akka jedhetti, humnoonni naga eegumsaa hiriirtota mormii kanneen paarlaamaa fuullee hiriiran irratti haleellaa raawwate. Rooyiters akka gabaasetti hiriirtonni sun gommaa guban, alaabaa Sudaan mirmirsaa dhaadannoo deggersa dimokraasii dhageessisaa turan. Hiriirri kun erga mootummaan Bashir fonqolchamee qabee isa guddicha keessaa yoo ta’u, angawoonni mootummaa Sudaan hangi tokko illee hirrira mormii kaleessaa irratti hirmaataniiru.

XS
SM
MD
LG