Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taatoon Fiilmii Ameerikaa Alek Baldwiin Qawwee Hojiif Qabatee Jiru Dogoggoraan Dhukaasee Ogeettii Kaameeraa Isaa Galaafate


Faayilii - Taatoo fiilmii, Alek Baldwiin
Faayilii - Taatoo fiilmii, Alek Baldwiin

Taatoo fiilmii Yunaayitid Isteeyis Alek Baldwiin kamisa kaleessaa New Mexico keessatti fiilmii waraabuuf qawwee itti gargaaraman, dubartii ogeettii kaameraa tokkotti dhukaasuun yoo ajjeesu daayiriktera fiilmichaa madeessuu isaa poolisiin beeksisee jira.

Balaan kun kan dhaqqabe fiilmii “Rust” jedhamu kutaa Yunaayitid Isteetis kibba gama dhiyaa bakka Baldwin taatoo ijoo kan jaarraa 19ffaa keessaa ta’uun irratti hirmaate waraabamaa turetti.

Halyna Hutchins fi Joel Souza, Alek Baldwin qawwee fiilmichaaf gargaaramu itti dhukaasuu isaa poolisiin Santa Fe ibsa kennaniin beeksisanii jiran.

Kan umuriin waggaa 42 Hatchins, helikoopteraan geessamtus balaa madaa’uu irra ga’een booda irra ennaa duutu, kan umuriin waggaa 48 Souza immoo ambulaansii dhaan mana yaalaatti geessamuun wal’aansa argatee jira.

Balaa kanaaf himannaan dhiyaate hin jiru. Kanneen ijaan argan wabeeffachuun qorannaan geggeessamaa jira. Dubbi himmaan qophee fiilmii sanaa odu gabaasaa HOllywoodf ibsa kennaniin balaan sun qawween sun rasaasi keessa jiraachuu utuu hin beekamin dogoggoraan dhuka’e jedhan. Daayirikterri fiilmii sanaa haala hamtuu keessa jiraachuun illee ibsamee jira.

Fiilmiin ennaa waraabamu, waa’ee meeshaa waraana irratti qajeelfama cimaa qaba, garuu balaan ni mudata.

Taatoo kan ta’e Baldwin erga bara 1980moota qabee TV akkasumas hojii fiilmii irratti bobba’ee hojjetaa ture.

XS
SM
MD
LG