Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannotti akka hin hirmaanneef na hidhan: Angawaa Al-Shabaab duraani


Faayilii - Ajajaa Al-Shabaab duraanii Muktaar Robow Alii
Faayilii - Ajajaa Al-Shabaab duraanii Muktaar Robow Alii

Ajajaa Al-Shabaab duraanii Muktaar Robow Alii akka mana keessaa hin baanee dhorkamuun koo filannoo biyyatti kibba dhiyaa keessatti hirmaadhee akka an waajiira hin qabanneefi jedhee jira.

Maqaa Abu Mansuur jedhamuun kan beekaman namnii kun, itti aanaa hogganaa Al- shabaab kan turan yoo ta’u bara 2017 garee al-shabaab keessaa ba’e.Mootummaan somaaliyaa ganee ba’u isaa kana jalqaba kan faarsee yoo ta’u, booda garu, filannoo prezidaantummaa bara 2018 gaggeeffameetti akka hin hirmaanneef hidhe.

Magaala Moqadishoo keessatti manaa akka hin baaneef erga bara 2018 kaasee hidhamee kan jiru Abu Mansuur RSA akka ibseetti, mana keessatti hidhamuun koo siyaasa irraa madde jedhee jira.

Farmaajoon marsaa lammataaf filamuu hin fedhu kan jedhu Abu Mansuur lmmiwwan somaaliyaa iddoo hunda jirtan Farmaajoof sagalee tokko illee hin kenninaa jedhee jira

XS
SM
MD
LG