Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubbi Himaan Tokkummaa Mootummootaa Haala Itiyoophiyaa Irratti Ibsa Kennan


Faayilii - Haleellaa samii irraa mootummaan Itoophiyaa naannoo Maqaleetti Onkoloolessa 20, 2021 geggeesse
Faayilii - Haleellaa samii irraa mootummaan Itoophiyaa naannoo Maqaleetti Onkoloolessa 20, 2021 geggeesse

Dubbi himaan muummicha barreessaa kan tokkummaa mootummootaa Stephane Dujarric, dhimma Itiyoopiyaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, kutaa biyyattii gama kaabaa keessatti haleellaa samii irraan xumura torbanii Tigraay keessatti geggeessame dabalatee dubbiif wal barbaaduun hammaataa adeeme hedduu nu yaaddessaa jira jedhan.

Kaleessa, warshaa huccuu Adwaa irratti haleellaaleen lama samii irraanii geggeessamuun gabaasamee jira. Bakki sunis walakkeessa godinaa Tigraay keessaa fi Maay Tsebrii, magaalaa Tigraay dhiya gama kaabaa ti. Akka gabaasaalee argamanitti, siiviloonni sadii haleellaa magaalaa Maay Tsebrii irratti raawwateen madaa’anii jiru jedhan.

Waahiloonni keenya kanneen gamasii jedhan ,dubbi himaan kun haala haleellaa samii irraan geggeessame sanaa adda baafachuu dhaan dhibbaa inni siivilota irratti qabus nuu ibsaniiru jedhaniiru.

Lolli naannoo Amaaraa bakka garaagaraatti geggeessamus itti fufee uummanni kumaan laka’amu qe’ee ofii irraa buqqa’ee jira. Qaamoliin marti kanneen walitti bu’iinsa kana keessatti hirmaatan, akka seera namoomaa kan sadarkaa addunyaatti siivilotaa fi caasaalee sivilotaaf eegumsa gochuu dhaan dirqama isaanii akka ba’an gaafanna jedhan.

Qaamoleen martinuu kanneen walitti bu’iinsa sana keessaa harka qaban, hojjettoonni gargaarsaa walaba akka deddeebi’anii fi meeshaaleen gargaarsaa Tigraay, Affaarii fi Amaaraaf akka dhaqu haala akka mijeessan gaafanna jedhaniiru. Waa’ee balalii gargaarsa namoomaaf gaafatamanii, amma iyyuu akka addaan citetti jira jechuu dhaan: hanga haalli amansiisaan mirkanaa’uu adda baafannutti balaliin itti hin fufu jedhan.

XS
SM
MD
LG