Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazexxessaan Amerikaa Yukreen Keessatti Ajjeefame 


Brent Renaud Dilbata kaleessaa ajjeefame
Brent Renaud Dilbata kaleessaa ajjeefame

Badhaasa argachuun kan beekamuu Brent Renaud Dilbata kaleessaa Yukreen keessatti itti dhukaafamee ajjeefameera.Waahilli isa waliin ture kan madaa’ee yoo ta’u, kunis ulaa sakata’aa cinatti kokolaataan isaanii eega haleelamee booda.

Ministeerrii hajaa biyya keessaa kan Yukreen akka jedhutti, Renaud kan ajjeefamee Irpiin keessatti yoo ta’u iddoon kun magaalaa galma mootummaa Yukreen Kiyeevti dhiyoo ture. Iddoon kunis guyyoota dhiyeenya kanaa keessa haleellaa Raashaan addaan ituu hin kutiin gaggeessitu jala ture.

Renaud Ogeessa filmii umriin isaa 50 kan ta’e bakka liitl Raak jedhamtu kan Arkansaa irraati.Gazexxessaan kun, seenaa baqattoota kan ilaaleen hojjachuuf waan isa barbaachisu walitti qabachuuf Yukreen keessa ture. Renaauud gaazexxessaa suuraa kaasuu lammii Amerikaa hidda dhalata kolombiyaa ta’e Juan Arredondo waliin kokolaataan deemaa ituu jiranii qiyyaafata haleellaa jala seenan.

Kan madaa’ee lubbuun hafee Arredondoon hospitaala Kiyeev irraa gaazexxesituu biyya xaaliyaaniif akka ibseetti, kanneen biyyattii gadhisanii ba’aa jiran filmiin waraabuuf jecha, riqiicha isa jalqabaa isa Irpiin keessaa ceenee turre jedhe. Akkuuma ulaa sakata’aa dabarreen nutti dhukaasuu jalqaban.Gazexxessaa Renaud mormma isaa irra rukutamee jedhe.

Polisiin kutaa kan Kiyeev ibsa baaseen, humnootii Raashaatu Gaazexxessoota kana irratti dhukaasa bane. Ministriin dantaa alaa Amerikaa, Tokkummaan Mootummootaa waahilonni hojii ka durii Gaazexxesichaa du’eef kabajaa qaban ibsanii jiru. Ministriin dantaa alaa Amerikaaf dubbii himaa kan ta’an Need Praayis kun gocha gara jabinaa sukanneessaa nama adda ituu hin baasiin masaraan kreemliin gaggeessuuf fakkeenya tokko.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG