Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yukreen poolaand Neetoo fi Raashaan Maal Keessa Jiran?


FAAYILII - Hoggantoota biyyoota miseensa Gamtaa Awroopaa, Faransaayitti yaa'ii geggeeffame irratti hirmaatan, Bitootessa 10, 2022
FAAYILII - Hoggantoota biyyoota miseensa Gamtaa Awroopaa, Faransaayitti yaa'ii geggeeffame irratti hirmaatan, Bitootessa 10, 2022

Waraannii Yunaaited Isteetes gaarree bosonaan aguugaman kan Polaand gama bahaa keessa kan quubsiifaman yoo ta’u iddoon isaas daangaa Yukreen irraa Kiloo meetra muraasa fagaata jedhamee jira.

Kunis lafa Raashaan maadheelee irratti qiyyaafachuun samii irraa haleellaa gaggeessaa jirtu kan Yukreen gama dhiyaatti dhiyoo dha.Neetoon yoo wal waraansa kana keessa seenee humnootiin Amerikaa kun qiyyaafata haleellaa jala seenuu isaanti.

Torbanneen dhiyeenya kana keessa looltoota Amerikaa kuma shan gara Polaanditti erguuf sochii ta’u keessaa kun tokko ta’u fi kunis looltoota Amerikaa kuma 4 kanneen duraan gamas seenanii jiranti dabalata ta’uun ibsamee jira.

Ituu hin yaadamiin akka tasaa Amerikaa fi Raashaan wal waraansa keessa seenuu sodaan jedhu kan jiru yoo ta’u, kana hambisuuf jecha sararrii bilbilaa kan wal qunnamtii qophaa’ee jira.

Sodaan biraa jiru garu, humnootiin Neetoo kanneen Awuroopaa gama bahaa keessa jiran haallii hammaachaa yoo deemee qiyyaafata haleellaa jala seenuu maluu kan jedhu.

Neetoon ibsa hamaa baasee kan jedhan prezidaantiin Raashaavlaadmiir Putin baatii dabree humnootiin ofii kan waa’ee Nukleeraa sadarkaa dammaqiinsa of-eegannoo irra jiran akka dabalan ajajan.

Dhaabta Bruuking Institution jedhamu keessatti hayyuun gameessi kan ta’an Dr. Constanze Stelzenmuller akka jedhanti Neetoon lafa Yukreen hin seenu jedha. Garu karaa biyyoota miseensoota Neetoo ta’anii meeshaan waraanaa kan biyyoota gama dhiyaa Yukreen seenuun dabalaa jira.

Putiin deggersa gama waraanaan taasifamaa jiru arguuf jira ykn argee jira .Kanaaf Neetoon wal waraansa keessa seenee akka hin jedhamne dhaamsa of-eegannoo qabuutu darbaa jira.

Kana jechuun gama biraan mariin amma gaggeeffamu Putiin Neetoo fi lafa Neetoon qubatee jiru irraaati meeshaalee Nukleeraa gargaaramuu fedha isa jedhu. Kun taanaan waan haaraatu addunyaa mudata jechuu dha jedhan.

XS
SM
MD
LG