Xurree ittiin seenan

Breaking News

Galiin Boba’aa Irraa Argamu Dinagdee Biyyootii Afriikaa Hanga Tokko Ol Guddisuun Gabaasame


FAAYILII - Kaampaanii gaazii Ajiipi, Induu, Naayjeeriyaa, Onk. 8, 2021.
FAAYILII - Kaampaanii gaazii Ajiipi, Induu, Naayjeeriyaa, Onk. 8, 2021.

Naannoo addunyaa irraa gatiin boba’aa ol ka’uun fayyadamtoota irra miidhaa geessisaa ennaa jiru kanatti, kaaniif immoo badhaadhina ta’ee jira.

Bara 2008 qabee Yunaayitid Isteetis boba’aan Raashiyaa biyya ishee akka hin seenne erga uggurtee booda gatiin boba’aa akkaan qaala’uun biyyootii Afriikaa boba’aa oomishan hanga tokko keessatti galii mootummaa irratti galii guddaan akka dabalu kan Joohaansberg keessa maadheffate itti aanaa prezidaantii gameessi damee enerjii Verner Ayukegbaa VOAf ibsaniiru.

Naayijeeriyaa, Angoolaa, Liibiyaa, Sudaan kibbaa, Gaaboon, Koongoo fi Gaanaan galiin mootummoota isaanii ol ka’uu mala jechuu dhaan Ayukeebaan dubbataniiru. Haa ta’u malee dinagdeen biyyootii Afriikaa kun dandammatu iyyuu, biyyoonni hedduun ardittii keessaa galiin isaanii oomishawwan alaa galu irratti waan hundaa’eef baasiin isaanii kan ol guddate ta’uu dubbatan. Leegoos Naayijeeriyaa keessatti kan argamu injineriin dhaabbata Petrooliyemii Bala Zakka akka jedhanitti gatiin dhukuta boba’aa akkaan ol ka’uu fi jireenyi ardittii keessaa akkaan qaala’uun kufaatii sharafa maallaqaa ol kaasa yaaddoo jedhu uumeera jedhan.

Biyyi Afriikaa keessaa lakkoobsi baay’ina uummata ishee miliyoona 200 ta’e kun boba’aa qabaattus, oomishaawwan biyya alaatii galan irratti hirkachuun nama gaddisiisa jedhan Zakkan. Naayijeeriyaan Afriikaa keessaa dhukuta boba’aa biyya alatti erguu dhaan beekamti.

XS
SM
MD
LG