Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazexxessaan Tasfaalam Woldayas Gadhiifamee


Gaazexxessaan Tasfaalam Woldayas (Suuraa faayilii)
Gaazexxessaan Tasfaalam Woldayas (Suuraa faayilii)

Bu’ursaa fi gulaalaa gameessa Itiyoophiya Insaaydar kan ta’e Gazexxessaa Tasfaalam Woldayas, guyyaa sadiif to’annaa polisii jala eega ture booda, Kibxata har’a gadhiifamee jira.

Raadiyoo Dochee Walee sagantaa Afaan Amaaraa irraa Gazeexxessaa Isheetee Baqqalaa akka jedheetti, waahiila koo hojii duraanii Tesfaa Alamiin bilbilaan dubbiseen jira jechuun Raadiyoo Sagalee Amerikaaf ibsee jira.

Gaazexxeessaa Tesfaa Alam gadhiifamuu isaa dura, waahilonni isaa hojii fi hiriyyonni isaa erga sambata dabree kaasee eessa butee isaa dhabne jechaa turan.

Polisiin GARU hidhamuu isaa Bi Bi Sii (BBC) afaan Amaaraaf mirkaneessee ture.

XS
SM
MD
LG