Dhugaa Waarsuu Geedalaa kitaaba fuula 147 qabu ka durii durii, mammaassa, gorsa,qarooma,galata, aadaa fi seenaan keessatti barreessan.
Kitaaba kana Galmoo Goollootti barreesse. Galmii ijoollee lafaa dhuftu ta dansooma waan ufii,qaroomaa fi jabeenna tokkummaan qabdu barreessuutee faaya Oromoo gamuma gamaa walti guurtuu keessaa tokko.
Wal tahiinsa Afaan Oromoo jabeessuuf Oromiyaa gama cufaa dubibi afaanii barreeffamaan baasee akka wali dabarsanii gamuma gamaan faaya Oromoo,aadaa fi aartii Oromoo guddisaniif barreesse jedha.
Dhugaa waarsuu Geedalaa murnya torba qaba;
Maalummaa Geedalaa
Ollooma bineensa-alaaa
Imalta jaarrol qeeramsaa
Du’a gaandidduu
Takka dhaqabnii takko sirriqi cubbuu
Kun caphu kanaan qaladha geedalaa
Gudduu dullacha daduu, mala jaarrolee hantuutaa
Kitaabii kun hagii tokko durii durii qaba.Durii durii yoo hedduu waan lama wal bira qabanii walti himan; fkn sabdii fi miiraa, daallee fi daafanaa,raatuu fi qaroo, jannaa fi daafanaa fi waan akka akkaa wal bira qaban.
Bara rakkootti bineensa nama fakkeessanii yaada garaa ufii dubbatanii tun aaduma aartiitii ta duruu jirtu.
Fkn yoo baraa fi cubbu wal bira qaban akkana fa jedhanii jedha Galmii
Barii dhugaa dabsee
Cubbuun onnee argattee
Dharaan wal qabattee
Addunyaa dabsattee
Dubbiin jajjabaattee
Sirriiqitti korattee
Sirriiqi ittuma dhuftee
Cubbichaan dabartee
Cubbun arraabamtee
Dhugaan kokoblatte.
Murnya Du’a Gaandidduu keessatti –geedaltii nyeenca gaandidduma ufiitiin ijjeefte jedha Galmii.Gaandidduun du’uu jechuun akka jecha kitaaba Galmaatti nama ykn saba adoo jiruu hin jirre,faayii isaa,jabeennii isaa,qaroomii isaa beekamuuf dadhabe ykn ammoo adoo beekanii guddachuu irraa dhowwan.
Fedhiin Galmaa guddoon akka jecha isaatti waltahiinsa Afaan Oromoo jabeessuuf jechoota gama gamaa walti guuranii kitaabaan barreessaa nama jalaa oli dhufu barsiisuu.
"Gama kanaan Oromoo haga duriillee caala afaanii fi aadaan tokkochoomsuu dandahan.”Kitaabii Dhugaa Waarsuu Geedalaa yaadannoo barreeffameef qaba jedha Galmii.
Hariyoota dhugaa barbaadaaf mandheen mana taateef, dardara garaa-haadhaa baddaa gammoojjiin, dabraa- galaanii fulaa taheef faaf barreeffame jedha.
Mataan dhalootaaf lafa gahe du’aaf lafa hin hanqatu,
Habuuruun fala
Imaltuun mala
Maahessii sooressa hin qamne
Takka yaahee alaa hin galle. “Yaadannoon tiyya karfaffittii akka mandiidsuu gannaa, angaatu akka kobla sulee ti,” jedha.
Galmii mammaassa Booranaa ka “Aadaa nama hin dadhabdu yoo namii isii dadhabe male,” jedhutti hirkatee barreesse.
“Waan abbootiin teenna asiin geette durattiin deemuu malle” jedha.“Namii tokkuma hin qamne muka hurraaheen wal fakkaata.”
Yoo waan ijoollee lafaa oli dhuftu;kuusaa, kahimaa, dardaraa, ykn qeeroo caqasuu malaniif dubbatu ammoo “Shantama gadi deemu mannaa, shanii oli deemtu wayya,” jedha.
Warrii lafa bulchu dubbii ijoollee qeeroo akkuma aadoo caqasuu malee jedha Dhugaa Waarsuu Geedalaa.
Fedhiin Galmaa akka jecha isaatti qarooma Oromiyaa gamuma gamaa walti guuruu.Tana ammoo Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaatii fi Biiroon Barnootaa qaroomaa, argaa-dhageettii, jabeenna afaanii fi aadaa teennaa Oromiyaan wal barsiisuu malan jedha.