Xurree ittiin seenan

Breaking News

Geeraawarq Katamaa, Murteessituu Kubbaa Miillaa Sadarkaa Biyyoolessaa


Geeraawarq Katamaa
Geeraawarq Katamaa

Kan baatii Bitootessaa keessa ayyaaneffamaa jiru, guyyaa dubartoota Addunyaa yokaan MARCH 8 ilaalchisee, keessummaa dhiheessinu qabna.

Geeraawarq Katamaa jedhamti. Komishinara ykn Madaaltuu Murteessitootaa Kubbaa Miilaa ka sadarkaa Oromiyaa fi biyyoolessaa ti.

Geeraawarq Katamaa, Murteessituu Kubbaa Miillaa Sadarkaa Addunyaa
Geeraawarq Katamaa, Murteessituu Kubbaa Miillaa Sadarkaa Addunyaa

Geeraawarq magaalaa Naqamtee bakka addaa Calalaqii jedhamutti dhalattee guddatte. Daa'imummaadhaan ijoollee dhiiraa waliin kubbaa taphataa akka guddatte ka dubbatte, Geeraawarq akkamitti akka carraa kubbaa miilaa taphachiisuu argattee fi hamma idil-addunyaatti beekamuu geesse nutti himti. Naakoor Malkaa ti bilbilaan dubbise. Ijoollummaadhaan Kubbaa miilaa taphachaa turuu ishee ibsuun eegalti.

Geeraawarq Katamaa, Murteessituu Kubbaa Miillaa Sadarkaa Biyyoolessaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:19 0:00

*Maxxnsa duraa irrattii Geeraawarq Komishinara ykn Madaaltuu Murteessitootaa Kubbaa Miilaa ka ​sadarkaa addunyaa kan jenne dogoggoraanii. Nu oofkalchaa.

XS
SM
MD
LG