Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gorsaan Tika-nagaa Biyyoolessaa Yunaaytid Isteets Taayitaa Isaanii Gad-lakkisan


Gorsaan Tika-nagaa Biyyoolessaa Taayitaa Isaanii Gad-lakkisan
Gorsaan Tika-nagaa Biyyoolessaa Taayitaa Isaanii Gad-lakkisan

Gorsaan tika-nagaa biyyoolessaa, Maayikil Fliin, hariiroo prezidaantii Raashiyaa, Vilaadmiir Puutiin waliin qaba dabalatee – waa’ee hariiroo isaanii, Prezidaantii Yunaayitid Isteets – Donaald Traampii fi itti-aanaa isaanii Maayik Peense dorgoggorsanii jiru – oduun jedhu eega babal’ataa dhufee taayitaa isaanii gad-lakkisan.

Gadaamojjii jeneraala waraanaa ka turan - Fliin taayitaa isaanii gad-lakkisuuf xalayaa galfatan keessatti, Prezidaant Donaald Traamp taayitaa qabachuu dura baatiilee turan keessatti waa’ee telefoona Ambaasaadara Raashiyaaf bilbilanii odeeffannoo guutuu hin ta’iin kennuu isaanii amananii jiran.

Prezidaantiin tokko taayitaa qabatee otuu baatii tokko hin guutiin aangawaan sadarkaa ol’aanaa akkanaa taayitaa gad-lakkisuun seenaa siyaasaa Ameerikaa keessatti ka jalqabaa ti.

Prezidaant Traamp, hatattamaan, gada-moojjii waraanaa ka biraa Kiit Keelog, akka eeggataa gorsaa naga-eegumsaa biyyoolessaa isaaniitti muudanii jiru.

XS
SM
MD
LG