Xurree ittiin seenan

Sirna Badhaasa Graamii 59ffaa

  • VOA

Adeel kalessa badhaasa shan sassaabbatte

Sirna Badhaasa Graamii waggaa inni 59ffaa Dilbata kaleessaa galgala gaggeeffame irratti ”Albamii sirbaa kan waggaa” gosa jedhamuun lammiin Briteen Adeel injifattee jirti.Welliftuun biyya Inglizii kun weelliftuu Amerikaa beekamtuu Biyoonsee injifachuun badhaasa kana argatte.Garu waltajjii irratti ol baatee badhaasa erga fudhattee booda Biyonsee galateffatte.Abjuu koo fi nama akka fakkeenyaatti ilaaluu Biyoonsee dha jechuun jejje.

Biyoonsee sirna badhaasa Graamii kaleessa irratti
Biyoonsee sirna badhaasa Graamii kaleessa irratti

Biyoonseenis harka duwwaa manatti hin galle. Albamii wallee vidiyoo fi sagaleen baate “Leemaneed” jedhamuun badhaafamtee jirti.

Sirnii badhaasa Graamii kun ituu hin jalqabamiin sa’atilee hanga tokko dura wellisaa beekamaan kan wallelee Jaaz Riitiim Bluus jedhamaniin Al Jaroo du’uun isaa ibsame.

Al Jaroo badhaasa Graamii yeroo fudhatu, Guraandhala 11, 2017
Al Jaroo badhaasa Graamii yeroo fudhatu, Guraandhala 11, 2017

Badhaasa Graamii 7 kan argate Jaaroon hospitaala Los Anjalas keessatti umrii isaa 76tti du’an boqote.Gosa wallee adda addaan badhaasa argataa ture.Torban darbe butuuta irraa kan ka’e hospitaala erga seenee booda sagantaalee bara 2017f qabu hunda haquuf dirqamee ture.

XS
SM
MD
LG