Xurree ittiin seenan

Hidhamtoonni Mooraa Xolaay Keessa Turan Haala Hamtuu Keessa Turre Jedhu

  • Tuujubee Horaa

Hidhamtoonni Mooraa Xolaay Keessa Turan Haala Hamtuu Keessa Turre Jedhu

Labsiin yeroo hatattamaa erga labsamee booda kanneen Ethiopia keessaa hidhaman hidhamtoonni kuma 11 ol ta’an marsaa lammataaf leenjii haaromsamaa erga fudhatanii booda gad dhiisamuun ibsameera.

Hiriira mormii Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessatti geggeessameen hookkara kaastan jedhamuun shakkamanii kanneen hidhaman lammiiwwan kuma 24 ta’uu mootummaan ibsee jira. Kuma 21 fi 152 kanneen ta’an immoo leenjii haaromsaa fudhatanii gad dhiisamuu sabaa himaan biyya keessaa gabaasaniiru.

Ministeerri ittisa biyyattii Siraaj Fageessaa hidhamtoonni kun gad dhiisamuu guyyaa tokko dura ibsa kennaniin leenjifamtoonni kun hubannoo wayyaawaa haalli itti argatan uumamee jira jedhanii turan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG