Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Somaaliyaa Prezidaantii Haarawaa Irraa Abdii Qabaachuu Ibsan


Lammiiwwan Somaaliyaa Prezidaantii Haarawaa Irraa Abdii Qabaachuu Ibsan
Lammiiwwan Somaaliyaa Prezidaantii Haarawaa Irraa Abdii Qabaachuu Ibsan

Prezidaantota Soomaaliyaa seenaa jeeqamaa qabdu kana duraa kamiinuu caalaa Mohamed Abdullahi Mohamed deggersa guddaa, fedhii gaarii fi abdii dhaan aangootti dhufan.

Roobii kaleessaa galgala uummanni kumaan laka’amu erga kan maqaa masoo Farmaajoo jedhamuun beekaman Mohamed prezidaantii Somaaliyaa itti aanu ta’uun paarlaamaan filatee booda daandii Moqaadishoo irratti ba’uu dhaan gammachuu qaban ibsaa oolan.

Ayyaaneffannaan wal fakkaatu magaalaalee Somaaliyaa fi magaalaalee Keeniyaa Gariissaa fi Eastleigh kan irra hedduun lammiiwwan Somaaliyaa keessa jiratan keessatti geggeessamee jira.

Ayyaaneffannaan kun martinuu deggersa Farmaajoon uummata biratti qaban calaqqisa. Kan umuriin waggaa 55 Farmaajoon lammummaa US fi Somaliyaa kan qaban ennaa ta’u kana dura bara 2010-2011 baatilee saddeetiif muummicha ministeeraa biyyattii ta’uun hojjetaniiru.

XS
SM
MD
LG