Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajaja Prezidaant Traamp Kennanii fi Falmii Seeraa Isa Mudate


Obbo Israa’eel Gobanaa, abukaatoo
Obbo Israa’eel Gobanaa, abukaatoo

Uggura imalaa prezidaantiin Amerikaa Donaald Traamp mallatteessan danqaan seeraa isa mudataa jira.Imaltoonni kuma dhibba tokko kanneen gara Amerikaa seenuuf vizaa argatan sababa ajaja Kanaan danqamanii turan.Booda garu Abbaan seeraa ajajii kun akka hojii irra hin olleef waan murteesseef jecha yeroo ammaa seenaa jiran.

Kanaaf jecha gareen prezidaant Traamp murtii abbaa seeraa kana mormuun ol iyyannaa galafatee jira.Manni murtiin ol iyyannaa dhaggeeffatu irraa abbotiin seeraa sadii gam-lameen waliin gaaffii fi deebii gaggeessuun falmii ture kallattiin Kibxata Guraandhala 7 bara 2017 gama sabaa himaan uummanni akka dhaggeeffatu gochuun ni yaadatama.

Muurtiin kennanis har’a dhaga’ama jedhamee eegamaa jira.Dhimmi Imigreeshinii fi imalaa prezidaant Traamp mallatteessan akkasumas rakkoo inni uumamee irratti abukaatoo kan ta’an obbo Israa’eel Gobanaa seent pool Minisootaa irraa haasoofsiifnee jirra.

Kana cuqaasuun marii guutuu caqasaa

Ajaja Prezidaant Traamp Kennanii fi Falmii Seeraa Isa Mudate
please wait

No media source currently available

0:00 0:18:50 0:00

XS
SM
MD
LG