Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mooraan Dadaab Banaatti Tura: Ajaja Mana Murtii Ol Aanaa Keeniyaa


Mooraan baqattootaa guddichi addunyaa banaatti kan turu ta’uu kan mootummaa Keeniyaaf mooraan sun cufuun loogii dha jechuu dhaan lammiin biyyattii abbaan murtii mana murtii ol aanaa Keeniyaa John Mativo beeksisaniiru.

Mativon akka jedhanitti mootummaan addaan baasee baqattoota Somaaliyaa irratti fuuleffachuun dararaa jamaa irratti raawwatu, kan seeraan alaa fi loogii ti, kanaaf faallaa heera biyyaa ti jedhan. kanaaf jecha kan cufame ministeerri dhimmootii baqattootqaa bakkatti deebi’uu akka qabu illee labsanii jiran.

Gurbaan ganna 24, Mohaammad Abdullaahi Jumaalee warra cufiitii kaambii tanaa rakkisftu keessaa tokko.

“Dhugumaanuu oduun haga oduu tana na gammachiifte hin jirtu.Maan jennaan namii akka kiyyaa ka kaambi tana keessatti dhalatee guddate ...ka Somaalee fi waan isiituu tokkollee keessaa hin beenne oduu tana guddoo jaalanne.”

Caamsaa bara 2016 keessa ture mootummaan mooraa Dadaab kan baqattoota Somaaliyaa kuma 258 baatii Sadaasaa keessa akka cufu kan labse. Ajaji sunis hanga baatilee itti dabalaa ja’aaf akka turu taasisame.

Sababaa ijoon naga eegumsa ta’uu isaaf mooraan sun bakka gargaarsaa ta’uun hafee bakka shorokeessonni akka al Shabab keessa dadhatan achi irraas Keeniyaa haleeluuf karoorfatan ta’e jedha himannaan dhiyaate.

Dubbi himaan UNHCR Yvonne Ndega akka jedhanitti Keeniyaan yeroo mara bakka dahataa uummati keessa dahatauuf gargaarsa keessatti argatu jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:17 0:00

XS
SM
MD
LG