Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartiin Itiyoophiyaa Bulchaa Jiruu fi Paartilee Mormituun 21 Giddutti  Marii Gaggeessuuf Qophitti Jiru

Marii gaggeeffamuuf karoorfame kanaaf yaada ittiin ka’uumsa ta’u irratti mari’achuuf Robii dhufuu walgahii gaggeessuuf waamichii dhiyaatee jira.Gama kaaniin paartiileen mormituu yaada tokko qabatanii dhiyaachuuf abdii qabna jedhu.Gareen paartilee mormituu 6 of keessaa qabu yaada isaa barreeffamaan galfachuu isaa kan beeksiise torban kana keessa ture. Gareen paartilee mormituu 11 of keessaa qabu xalayaa yaada wal fakkaataa qabu mana marii bakka bu’otaatti galfachuu isaa har’a ibsa kenneen beeksisee jira.

Paartiin biyya bulchaa jiru gama isaan marii kanaaf fedhii akka qabu, yaada isaas barreeffamaan galfachuuf qophiittiin jira jedha.Gama kaaniin paartilee mormituu qofa waliin otoo hin taane waldaalee sivikii, hayyoota akkasumas kanneen seeraan karaa nagaa yaada isaanii gaggeessan mara waliin dubbachuuf kan fedhu ta’u beeksisee jira.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Paartiin Itiyoophiyaa Bulchaa Jiruu fi Paartilee Mormituun 21 Giddutti  Marii Gaggeessuuf Qophitti Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:52 0:00

XS
SM
MD
LG