Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Raashiyaa Akka Tasaa Loltoota Turkii 3 Galaafate: Turkii


Haleellaan Raashiyaa Akka Tasaa Loltoota Turkii 3 Galaafate: Turkii
Haleellaan Raashiyaa Akka Tasaa Loltoota Turkii 3 Galaafate: Turkii

Haleellaan Samii irraanii kan Raashiyaa akka tasaa loltoota Tarukii sadii Siiriyaa gama kaabaa keessatti galaafate. Ibsi waraana biyaa kenname akka jedhutti ennaa balaan sun dhaqqabe waraanni Raashiyaa duula IS irratti fuuleffate geggeessaa ture.

Prezidaantiin Raashiyaa Vladimir Putin gita isaanii Turkii Rechep Tayyip Erdowaaanif bilbiluun gadda itti dhaga’ame mul’isuu isaanii ibsichi tuqeera.

Kremlin akka jedhetti gareen lamaan wali ta’iinsa waraanaa Siiriyaa keessaa kan itti fufan ta’uu beeksisaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG