Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaa kaabaa magaalaa Bosaasoo keessa kan jiru manni murtii waraanaa shakkamtoota Al shabaab 7 irratti du’a murteesse jira

Dura ta’an mana murtii waraanaa kan Puntland Abdiifattah Aden akka jedhanti kanneen adabii kun irratti murame ajjechaa aangawoota Puntlaand keessaa qooda waan qabaniif adabii kun murame.

Yakka ilaalchii irratti gaggeeffamee ragaan eega dhiyaatanii booda manni murtii adaba kana murteesse jedhan.Guyyaa 30 keessatti ol-iyyannoo hin dhiyeeffatan taanaan adabii kenname hojii irra kan oolu ta’un ibsame ejira.

Mana murtii keessatti adabii kun ituu hin kennamiin dura himatamtoota keessaa hangii tokko nuti baleessaa hin qabnu jechuun iyyaa turan.

Abukaatoon dhaabateefis murtiin kenname sirrii miti ragaa qabatamaan mana murtii duratti dhiyaate hin jiru jedhu.

Baatilee darban 3 keessatti hidhattonni shakkaman aangawoota Puntlaand gameeyyii 3 Bosaasoo keessatti ajjesuun ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG