Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Maanchastar Booda Qondaalonni Farra Shororkeessummaa Ka Briteen Shakkamtoota Hidhuu Itti Fufan


Shakkamtoota to'annaa jala olaan keessaa tokko, Hashim Ramadan Abedi
Shakkamtoota to'annaa jala olaan keessaa tokko, Hashim Ramadan Abedi

Saalmaan Abdel, warra isaa dubbisuuf eega Liibiyaa turee booda, torban dabre kana gara Maanchesteritti deebi’e.

Qondaalonni farra shororkeessummaa, ka Briteen, eega jalqaba torban kanaa irra agarsiisa sirbaa yokaan konsertii irratti Boombiin dhoosamee – ijoollee dabalee namoota 22 fixee booda, weerara geggeessuu fi shakkamtoota hidhuu itti fufanii jiran.

Weerarichi, akka humni poolisii hatattamaan tarkaanfii fudhataa jiru uummataaf mirkaneessu yoo tahu, gama biraatiin immoo uummata magaalaaa Maanchester keessatti rifaatuu uumee jira.

Rifaatuun sun amma immoo suuta suutaan gara humna naga-eegumsaa Maanchesteritti aaruutti cehaa jira. “Humni naga-eegumsaa sun, of-wareegaa Boombicha dhoose, kan umuriin 22 Saalman Abeedii fiinxaalessa bala’amaa ta’uu adda-baafachuu kan isa dandeessisu carraa baay’ee qabutti hin gargaaaramiin hafe” – qeeqa jedhu tu dhaga’amaa jira.

Namoota ollaa isaa jiraatanii fi hoogganoota Masjiidaa dabalee – namoonni hedduun waa’ee bala’amaa ta’uu nama kanaa qondaalota naga-eegumsaatti iyyatan iyyuu akka tarkaanfiin hin fudhatamiin dubbatu – Qeeqxonni.

Hojjetaan hawaasaa tokko, Saalmaan Abbeedii “of wareegaa Boombii dhoosu ta’uun gaarii dha” jechuu isaa dhaga’ee – qondaalota naga-eegumsaatti gabaasuu isaa dubbata.

Haatii fi abbaan Saalmaan dhalata biyya Liibiyaa Briteen keessa jiraataa turan yoo tahan, eega hoogganaan biyyattii Mohammar Gaadaafii taayitaa irraa fonqolchamanii booda, obboleessaa fi obboleettii isaa waliin xaxatanii biyya isaaniitti galan.

Saalmaan Abdel, warra isaa dubbisuuf eega Liibiyaa turee booda, torban dabre kana gara Maanchesteritti deebi’e.

Aaangawoonni Briteen, halellaan sun, caasaa sadarkaa Addunyaa qabaachuu fi dhiisuu qorataa jiran.

XS
SM
MD
LG