Dhukkuba kana ittisuuf mootummaa Federaalaa fi kan bulchiinsa naannoo Somaalee walii wajjiin hojjachaa akka turan kan ibsan prezidaantiin naanaoo sanaa Obbo Abdii Mahammad Omaar hojiin hojjatame kunis bu’aa guddaan argamsiise jedhan.
Ogeessooota eegumsa fayyaa keessaa Narsoonni 500 ol mootummaa Federaalaa irraa akkasumas Narsoonni 700 bulchiinsa nannoo irraa hojii kana irratti bobba’uun ibsamee jira. Doktooroonni itti hirmaatanis 68 akka ta’an dubbatanii jiran.
Qubsuumnii horsisee bulaa iddoodhaa gara iddootti wal irraa fageenya qabaachuun dhukkubii kun akka hammaatu gochuu dubbatanii waluumaa gala ijoolleen 19 dhukkuba kanaa du’u ibsan.
Dhukkuba Koleeraa fi dhukkuboota garaa baasaa kanneen biroo gidduu adda addummaa fi wal fakkeenya jiru irratti Dr.Masfin Ittaanaa Minisootaa Irraa haasoofsiifne Jirra.