Xurree ittiin seenan

Breaking News

Harargee Keessatti Lakkoobsi Namoota Liyyuu Haayil Ajjeesee Dabale: Waajjira Kominikeeshinii Harargee Bahaa


Oromiya godina Harargee bahaa aanaa Maayyuu Mulluqqee keessatti dilbata darbe humnoota hidhataniin lakkoobsi namoota du’anii 41 kan ga’e yoo ta’u kanneen biroon 20 madaa’uu isaanii waajjirri dhimmootii kominikeeshinii Harargee bahaa beeksisee jira.

Itti gaafatamtuun waajjira komnikeeshinii godinichaa Miskii Mohamed sabaa himaa mootummaaf akka ibsaniitti haleellaa sana kan raawwatan Liyu Hayil naannoo Somaalee ti. Yaaddoo nageenyaaf jecha namoonni hedduun naannoo Sanaa baqachuu itti gaafatamtuun kun beeksisaniiru.

XS
SM
MD
LG