Xurree ittiin seenan

Breaking News

Himannaan Shororkeessummaa Beqqelee Garbaa fi Namoota Biroo Oromiyaa Keessaa Irratti Dhihaate Na Yaaddesse, Jetti Yunaayitid Isteets


Waajjira Ministira Haajaa Alaa Yunaaytid Isteets
Waajjira Ministira Haajaa Alaa Yunaaytid Isteets

Mootummaan Itiyoophiyaa dhiheenya kana himannaalee shororkeessummaa Itti-aanaa dura-taa’aa duraa, ka Koongiresa Dimookiraatawa Oromoo - Obbo Beqqelee Garbaa fi kanneen biroo Oromiyaa keessaa irratti dhiheessuun isaa akka isa yaaddesse ka dubbate – ibsi Ministrii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, Sanbata dheengaddaa ifatti facaasame.

Mootummaan Itiyoophiyaa seera farra-shororkeessummaa irratti hundaa’ee, gaazzexeessota, miseensota paartii siyaasaa fi qabsaa’ota himachuu akka dhaabu kan gaafate – ibsi Mootummaa Yunaayitid Isteets kun, “sababaan isaa --- gochaan kun mirga sagaleewwan walabaa waan ukkaamsuuf, guddina dimookiraasii biyyattii guddisuu caalaa danqaa itti taha” jedha.

Aangawoonni Itiyoophiyaa, gaaffii lammiwwan isaaniinii gaaffii sirrii ta’uu fudhachuu isaanii fi hookkarawwan haga tokko yeroo mormii Oromiyaa keessaa ka’aniif itti-gaafatamtoonni humnoota naga-eegumsaa ta’uu amanuu isaanii akka dinqsiifate kan hubachiise – ibsi Ministrii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets kun, “garuu, namoota lakkoobsi isaanii hin beekamne sababaa hiriira mormiitti hirmaataniif hidhuu itti fufee jira. Miidhaalee mirga dhala-namaa raaw’ataman jedhameefis humnoonni naga eegumsaa haga ammaatti itti-gaafatamummaatti qabamanii dhihatan hin jiran. Kun immoo, ka silaa gara furmaata waaraatti geessuu male --- amanamummaa fi itti-abdannoo mootummicha dhabsiisa” jedha.

Mootummaan Itiyoophiyaa, kanneen hidhamaniif mirga ilaalcha seeraa akka eegu, “miidhaan nu irratti raaw’atamaa jira” – jechuun himannaa isaan dhiheeffatan akka qorachiisuuf, himannaa isaanii irratti dhiheesseef ragaalee qabu akkaataa uummataaf ifa tahetti akka dhiheessu, akkasumas mormii siyaasaa mootummaa irratti geggeessame, hookkaratti gargaaramuu fi kakaasuu irraa adda baasee akka dhiheessu gaafate – ibsi Mootummaa Yunaayitid Isteets kun.

“Mootummaan Itiyoophiyaa, paartiilee siyaasaatti hirmaachuu dabalee, mirgawwan heeraa lammiwwan biyyattiif kenname akka kabaju fi kanneen sababaa kanaan hidhee jiru akka hatattamaan hiiku gaafanna” – jedha.

Ibsa kana ilaalchisuun, ka duraan Abbaa-murtii Mana-murtii Walii-galaa Oromiyaa turanii fi amma biyya Kanadaa jiraatan – xiinxalaa seeraa – Obbo Isiraa’el Fayisaa dubbiseen jira.

Gutummaa qophaa kanaa dhaggeeffadhaa.

Himannaan Shororkeessummaa Beqqelee Garbaa fi Namoota Biroo Oromiyaa Keessaa Irratti Dhihaate Na Yaaddesse, Jetti Yunaayitid Isteets
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:27 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG