Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganoonni Itiyoophiyaa fi Keeniyaa Ertiraatti Imalan


Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad fi prezidaantiin Keniyaa Uhuruu Keenyaattaa Asmaraa keessatti daaw’annaa hojii gaggeessanii jiru.Hogganoonni lameen akka lakkobsa Itiyoophiyaatti Guraandhala 24 bara 2011 walakeessaa guyyaa ykn waaree irratti adda addummaa daqiiqaa kudhaniin dirree xayyaaraa Asmaraa ga’an.

Prezidaantiin Ertraa Isaayaas Afawarqii fi ministrii dantaa alaa Ertraa Osmaan saaleehakkasumas gorsaan prezidaantii Ertraa Yamaane Gabra Masqal akkasumas Ertraatti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa Redwaan Huseentu simate.

Hogganoonni sadeen dhimmootii Dinagdee, Nagaa fi Nageenyaa akkasumas misooma bu’uraa irratti walii wajjiin hojjachuuf walii galanii jiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG