Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaadeen Biyyatti Deebi’an


Gama isaatiin lola dhaabuu isaa kan labse ddi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaaden, hoogganoonni isaa kaleessa galgala Finfinnee galee jira. Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimed eega gara taayitaatti dhufanii booda, jijjiiramawwan hedduun waan mul’ataa jiraniif, biyyattii deebi’anii nagaan qabsaa’uuf murteessuu isaanii dubbi-himaan dhaabichaa VOAf ibsanii jiran. Murtiin Adda Bilisuumaa Biyyoolessaa Ogaaden, deemsa jijjiiramaa jalqabame kanaaf qooda guddaa gumaacha ka jedhan immoo, Minister Deetaa, Waajira Dhimmoota Koomiyunikeeshinii Mootummaa Itiyoophiyaa Obbo Kaasahun Gofee ti.

Oduu dhuma wal qabateen bulchu paartiin dimokraasummaa uummata Somaalee dura taa’aa haaraa filatee jira. Ministeeri waajjira kominikeeshinii mootummaa obbo Ahimed Shidee dura taa’aa paartichaa ta’uun filataman.

Jeeqama jigijigaa dabalatee magaalaalee hedduu keessatti uumameen lammiiwwan ajjeefamuu, manneen sagadaa gubamuu fi qabyyni hedduun gubachuun isaa ni yaadatama. Maddi rakkoo inni guddaan illee bulchiinsa naannoo Somaalee ta’uun ibsamaa tureera. Mootummaan Federaalaas jijjiiramni taasisame rakkoo uumame fura jedhee kan amanu ta’uu obbo Kaasaahuun ibsaniiru.

Yeroo isaanii irra hedduu itti gaafatama mootummaa Federaalaa fudhatanii hojjetaa kan turan Ahmed Shidee paartii bulchiinsa naannoo Somaalee keessatti hooggana dargaggootaa keessaa tokko. Jijjiirama siyaasa Itiyoophiyaa kan Muummichi ministeraa Abiy Ahmed toora haaraa irra buusan keessatti illee qooda ol aanaa kan qaban ta’uun ibsameera jedha Eskinder Frew.

Hoogganoonni Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaadeen Biyyatti Deebi’an
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:09 0:00

XS
SM
MD
LG