Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaalii Haleellaa Boombii Dr. Abiyyi Irratti Geeggeessamen Wal-qabate Polisiin Maqaa Shakkamtootaa Mana Murtiitti Dhiheesse


Waxabajjii 16 bara 2010 uummanni magaalaa Finfinnee fi nannoo ishee irraa mummicha ministeeraa Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmadiif deggersa qaban ibsuuf waltajjii masqalaa irratti yaa’ee irratti haleellaa Bombii dhaqqabe wajjiin wal qabatee namoota shakkaman polisiin qoratee xumuruun abbaa alangaa mummichatti kennee jira.

Abbaan alangaas guyyaa torba keessatti polisii biraa qorannaa dhiyaate hundee godhachuun himannaan shakkamtoota irratti akka dhiyaatuuf manni murtii ajaja kennee jira.

Shakkamtoonnis gama isaaniin mirgii wabii eegamee fi hidhaan ala ta’anii dhimmi isaanii hordoofuuf gaafatanii jiru.Dhimmi wabiin gadhiifamuu kana ilaaluuf manni murtii boritti bellama kennee jira.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Yaalii Haleellaa Boombii Dr. Abiyyi Irratti Geeggeessamen Wal-qabate Polisiin Maqaa Shakkamtootaa Mana Murtiitti Dhiheesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:23 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG