Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni mormituu sababaa jila keenya waliin walga’aniif hidhaman - Amnestii Internaashinaal


Dura-taa'aan Koongiresa Uummata Oromoo fi Itti-aanaa Dura-taa'aan MEDREK, Dr. Mararaa Guddinaa, hoogganoonni paartiilee mormituu Oromoo lameen Itti-aanaa Dura-taa'aan Warraaqsa Federaalistii Dimookiraatawa Oromoo fi miseensi hoji-raaw'achiistuu gamtaa mormitootaa Medrek, Obbo Beqqelee Garbaa fi Itti-gaafatamaan Waajira Koongiresa Uummata Oromoo, Obbo Olbaanaa Leellisaa hidhamuun waa'ee rakkoo caamaa Itiyoophiyaa keessaa, akkasumas, hidhaa fi miidhaalee adda addaa biyyattii keessatti geggeessamaa jiruu gaazzexeessota BBC-f waan kennaniif sana caalaa immoo, jila mirga dhala-namaa, kan Amnestii Internaashinaaliif waan odeeffannoof kennaniif tahuu mala, jedhanii jiran.

Itiyoophiyaa keessatti lakkoobsa lammiwwan Oromoo mana hidhaa jiranii Mootummaan Itiyoophiyaa illee waan beeku natti hin fakkaatu, ka jedhan Dr. Mararaa Guddinaa, salphaadhumatti, akka Obbo Siyyee Abrahaa yeroo tokko jedhan, Manni Hidhaa Itiyoophiyaa keessaa Afaan Oromoo dubbata jechuu akka isaaniif wayyu dubbatan.Hidhamuu Obbo Beqqelee Garbaa ilaachisuun, deebiin duubbi-himaan Mootummaa Itiyoophiyaa Obbo Shimellis Kamaal deebii kennaniin dhaaba shorokeessummaatti balaaleffatamaa jiru Adda Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabuuni jedhan. Itti-gaafatamaan Waajira Koongiresa Uummata Oromoo Obbo Obbo Olbaanaa Leellisaa sababaan itti hidhaman shororokeessummaa tahuu fi dhiisummaan haga ammaatti hin mirkanoofne.

Gama biraatiin immoo dhaabbatni mirga dhala-namaa ka sadarkaa Addunyaa, Amnestii Internaashinaal hoogganoonni mormitootaa kun sababaa jila keenya Itiyoophiyaa deeme waliin walga’aniif hidhaman jedha. Jilli Amnestii Internaashinaal kun biyyattii keessaa baasamuu ibsa baaseen hubachisee jira.

Guutummaa qophii kanaa dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG