Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hookkarri Farra Fonqolcha Mootummaa Maaynamaar Itti Fufee Jira 


Maaynamaar keessatti hiriira mormii farra fonqolcha mootummaa ilaalchisuun itti fufee jiruun yoo xiqqaate hiriirtonni lama ajjeefamuun gabaasamee jira.

Ajjeechaan boodanaa kan raawwate magaalaa Myitkyinaa magaalaa guddoo Kachiin gama kaabaa keessatti. Suraan odu gabaastota VOA sagantaa afaan Burmaa akka mul’isutti namoonni du’an rasaasaan dha’amanii daandii irratti argamu. Kaan isaanii hojjettoota eegumsa fayyaan utuu wal’aanamanii argamee jira.

Ajjeechaan boodanaa hookkara hoji dhaabinsaa waldooliin daldalaa sagale deggersa hiriira mormii farra fonqolcha mootummaa fi miseensota bulchiinsa waraanaa irra dhiibbaa kaa’uuf geggeeffameen wali irra oole.

Hojii dinagdee fi daldalaa itti fufuun waraana uummata Maaynamaariin hacuucaa jiruuf cimsuuf oola jechuun wal ta’uun ibsa baasanii jiran. Dimokraasii keenyaaf falmuuf yeroon tarkaanfii itti fudhatan amma jedhaniiru.

Suuqilee, warshaalee, baankiiwwan martinuu cufamaniiru. Loltoonni heddumminaan konkolaataa daandii irraa sakatta’uutti bobba’an iyyuu jamaan magaalaa Yaangoon keessatti wal ga’ee jira. Hiriirtonni mormii kanneen biroon magaalaa guddoo lammataa Monywaa gama dhiyaa keessatti har’a hiriiranii jiran.

Angawaan paartii Aan Saan Su Shii tokko harka poolisii utuu jiranii du’uu angawaan paartii kan National League for Democracy jedhuu VOA tajaajila Burmaaf ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG