Xurree ittiin seenan

Breaking News

Human Right Watch Du’aatii Lammilee Itiyoophiyaa Yemenitti Raawwateef Humnoota Hutii itti Gaafatamuu Qabu Jedhe


Dhaabbanni qabiinsa mirga namoomaaf falmu Human Right Watch waa’ee lammilee Itiyoophiyaa Yemen giddu gala turmaata baqattootaatti dhuman ilaalchisee kaleessa ibsa baaseera. Dhaabbatichi ibsa isaan hidhattoonni Huutii Yemen yoo baqattoonni as buufata kana keessa turan mormaa turanitti wal dhabbii tureen rasaasni isaan buufata kanatti darbatan ibidda kaasee lubbuun namaas gidduu kanatti bade jedhe.

Human Rights Watch ibsa isaan baqattoonni balaaan irra gahe mirga isaaniitiif waanti gaafatan rakkoo kanaaf isaan akka saaxiluu eeree, gareen humna Huutii Ansar Allah jedhamu warra miidhaan irra dhaqqabe kanaaf gargaarsi hatattamaa akka taasifamuuf karra saaquu akka qabu gaafate.

Dhaabbatichi dabalee gartuun sarbiinsa mirga namaarra gahe qoratu ka jaarmayaa mootummootaa damee Yemen, yakka Yemen keessatti raawwate ka qorannaarra jirutti taatee kana dabalee qorachuu akka qabus dabalee gaafatee jira.

Dhaabbata Human Rights Watch’tti qorattuu dhimma baqattootaa fi warra godaantotaa ka taate Nadia Hardman, balaan hidhattoota Hutiin lammilee Itiyoophiyaarra gahe biyya lolaan ammacamtu Yemen keessatti ammas lubbuun baqattootaa rakkoo akkamii keessa akka jiru agarsiisaa jette.

Naadiyaan, hidhattoonni Hutii, baqattoota aggatanii isa qarshii gaafatan dhiisuu qabuu jettee, gaggeessitoonni humnoota kanaas warra balaa kana baqattootarratti geessises gara seeraatti fiduu akka qaban dubbatte.

Human rights Watch gabaasa isaa kanaan hidhattoonni Huutii Yemen bakka hedduu akka to’atan himee ammas biyyattii keessa bakka hedduutti baqattootaa fi godaantota kuma jahaa oltu mana hidhaa jiraa jedhe.

Dhaabbatichi warra balaarraa haferraa ka’umsi rakkoo kanaa rakkoo qabiisna mirgaa baqattootaa bakka turmaataa kanaa turanii tahuu, sana booda mormii tureen boombiinis darbatamuu tahuu warra balaarraa haferraa odeeffachuuu ibseera.

Yakka baqattoota kanarratti raawwate kanaaf deebii hidhattoota Huutii gaafatee dubbi himaan dhaabbatichaa Mohaammed Abdul Salaam, balaa sanaaf dhaabbata godaantotaa IOM akka komatamu deebii kennani jedhe.

Mohaammed, taheen kun eessattuu ka raawwachuu malu jedhanii, waan kanaaf ka gaafatamu dhaabbataa silaa godaantotaa fi baqattoota gargaaruu qabu jedhan yoo deebii kennan.

Ibsa isaa keessatti Human Rights Watch hidhattoonni huutii eebla 2020 keessas akkasuma baqattoota lammiin Itiyoophiyaarra balaa geessisuu galmeessee akka jiru eeree jira.

Dhumarrattis Human Rights Watch hidhattoonni kun lammilee Itiyoophiyaa manneetyii hidhaa Yemen keessaa jiran biyyasaaniitti deebisuuf mootummaa Itiyoophiyaa duukallee marii akka godhan gaafate.

Balaa torbee sanbata darbee mudate kanaanis gaggeessaan dhaabbata godaantotaa IOM Antonio Vitorino gadda itti dhagahame ibsanii turan.

Mr. Antooniyoon, baqattoota fi godaantota hidhuun gocha balaaleffatamuu qabu akka tahe eeranii dhaabbanni isaan gaggeessan IOM lammilee itiyoophiyaa balaa kanaan miidhaman kanaaf gargaarsa yaalaa taasisaa jiraachuu dubbatan.

Dabalaniis lammileen balaarraa hafanii fi mana hidhaa Yemen kaan keessa jiran akka biyyatti deebiyaniif mootummaa Itiyoophiyaa waliin mariyataa akka jiran ifoomsan.

Lammileen Yemenitti dheengadda du’an garuu ammas lakkoofsi isaanii hin beekamu. Jiraataan magaalaa Sana’aa takka, dheengadda angawoonni biyyattii warra balaa kanaan du’eef sirna awwaalaa gaggeessanii jiru jedhan. Jiraataan kun namootni du’an lakkoofsi isaanii dhibba afurii ol tahuu eeranii ka awwaalli sirnaan gaggeeffameef garuu nama 43 qofaaf jedhan.

Baqataan lammiin Itiyoophiyaa kun namootni du’an kun eenyummaan isaanii akka hin beekamne himanii, warra yaalarra jiru keessaa name lama ammas yaaddoo keessaa jiru jedhu.

Jiraataan kun dabalanaii balaa kana duuba baqattoonni sodaa akka qaban dubbatan. Kelessas, waajjirri ministeera haajaa alaa Itiyoophiyaa lammilee Itiyoophiyaa Yemenitti rakkataa turan 148 gara biyyaattii deebisuu beeksisee jira.

Dhaabbanni godaantotaa IOM baqattoota kana deebisuuf mootummaan Itiyoophiyaa balalii xiyyaaraa Yemenii gara itiyoophiyaa akka jalqabu dhiyeenya gaafachuunsaa ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG