Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godaantonni Itiyoophiyaa Yemenitti Balaa Ibiddaatiin Du’an


Fayilii -Godaantota Itoophiyaa Yemen magaala Edeen keessatti, Bara 2019
Fayilii -Godaantota Itoophiyaa Yemen magaala Edeen keessatti, Bara 2019

Yemen Magaalaa Sana’aatti balaa abiddaa bakka buufata godaantotaa Itiyoophiyaa keessatt imudateen namootni du’uu dhaabbanni Godaantotaa ‘IOM’ beeksise. Hooggansi damee Afriikaa Kaabaa fi Baha jiddu Galeessaa IOM, balaa kanaan namootni saddeet du’uu fi 170 ol madaa’uu ifoomse.

Kaleessa magaalaa guddoo Yemen Sana’a bakka buufata godaantotaattii balaan ibiddaa kahe lubbuu namaa galaafachuu IOM beeksise.

Godaantonni Itiyoophiyaa Yemenitti Balaa Ibiddaatiin Du’an
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:37 0:00

Buufata godaantotaa Immigreeshinii mootumama Yemeniin bulu Kamsa Wa Arbaa Iin jedhamutti balaan ibiddaa ka’e, xinnaatu lubbuu godaantota saddeetii galaafatee, 170 olimmoo madeessuu Karmeellaa Gudoo; Diirekterri waajjira jaarmayaa Godaantotaa IOM ka Kaaba afrikaa fi baha jiddu galeessaa dubbatanii jiru. Mss Karmeellaan IOM warra balaa kanaan miidhameef gargaarsa yaalaa akka taasisaa jiru himanii warra yaala fudhataa jiru 170 keessaa nami sagaltamni garmalee warra miidhame jechuun dubbatan.

Jiiin Nikoolas Biiyuuz Yeemnitti, bakka bu’aan dhaabbata baqataa UNHCR, UNHCR balaa godaantota kanarra gaheef gadda itti dhagame ibsaa jedhan. Biyuuz, UHNCR dhaabbilee gargaarsaa akka IOM duuka warri balaa kanaan miidhame yaala akka argatuuf tumsarra jira jedhan.

IOM lammuummaa namoota balaa kanaan du’anii fi miidhaan irra dhaqqabe ifa baasuu baatus, lammileen Itiyoophiyaa Yemen jiran garuu irra caalaa dhalattoota Itiyoophiyaati jedhan. Obbo Taajuu SIraaj bakka bu’aa baqattoota Oromoo Yemen jiraniiti, ka’umsa balaa kanaa yoo himan, rakkoo eegdota fi godaantota kana gidduutti mudateedha jedhan.

Haala ture yoo ibsan Baqattoonni hidhaan nuti hidhamne seeraan ala jechaan midhaan yoo lagatan humnootni poolisii Yemen dhufanii yoo baqattoota kana waan lagannaa gaafatan wal dhabdeen uumamae jedhu. Yeroo kana poolisoonni yemen aara imimmaansu godaantotarratti yoo dhukaasan sun uffataa fi bakka ciisichaa isaanii ‘firaashii’ turetti qabatee manni gubatee namnis miidhame jedhan. Obbo Taajuun namootni lubbuun darbe kaan gubatee, kaan ukkaamamee kaan ammoo wal dhiibbaa fi walirra ejjennaa yeroo kana tureen du’e jedhu.

Obbo Taajuun warri hidhamee balaan irra dhaqqabe kun lammilee Itiyoophiyaa dhiyeenya biyyaa baqatanii gara Yemen dhufaniidha jedhan. Dabalaniis Poolisiin Yemen dhiyeenya godaantotaa fi baqattoota Yemen keessa turan waraqaa eyyama jireenyaa yookiin ammo waraqaa baqataa hin qabdan jechuun hidhuutu nama hedduu hidhaaf saaxiles jedhan.

Waanti kun keessumaa dhiyeenya akka jalqabe, baqattoonnis ku nuuf haa furamu jechaan UNHCR gaafatanus galmeeni fi tajaajilli UNHCR kaan adda cituu himan. Kanarraa kan ka’es baqattoonni fi godaantonnis gidduutti rakkatanii jiraachuu eeru.

Bakka bu’aan hawaasa baqattootaa Obbo Taajuun balaa kanaan namootni du’an haga yoonaa baramuu baatamus, lakkoofsi namoota du’anii kan eeramee oli jedhu.

Baqattoonni fi godaantonni lammiin Itiyoophiyaa Yemen Jiraatanis, Sana’aan keessatti rakkoon lammilee Itiyoophiyaarra gahaa jiru dabalaa jiraa edhu

Dura bu’aan hawaasaa fi baqattoonni Itiyoophiyaa Yemen jiran ammas warra balaa kanaan du’ee fi miidhame adda baasuun rakkisaadha jedhu.

Oliiviyaa Heeden; qondaalli Waajjira Godaantotaa IOM Yemen, utuu balaan kun hin mudatin dura namootni 400 akka as jiraataa turan eeranii, garuu ammaa hojiin warra du’ee fi hafe adda baasuu itti fufuee jiraa jedhan. Mootummaan Itiyoophiyaas gama isaatiin waa’ee godaantota buufata keessatti du’an kanaa hordofaa akka jiru hime. Dubbi himaan Waajjira Ministeera Haajaa Alaa Itiyoophiyaa Ambaasaadder Diinaa Muftii rakkoon mudate ibiddi buufata godaantotaa keessatti ka’uu akka dhagahan himanii ak’umsa balaa ibiddaa kana fuulduratti qorannee ifa goona jedhan.

Ambaasaadder Diinaan, mootumaman lammilee Itiyoophiyaa Yeemen dabalatee biyyoottan baha jiddu galeessaa kaan keessatti rakkoorra jiranis biyyatti deebisaa jiraachuus himanii jiru.

XS
SM
MD
LG