Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mohammed Deeksisoo fi Hojjetoota Yunivarsitii Jimmaa Lama Irratti Poolisiin Himata Haaraa Bane 


Moohaammed Deeksisoo

Mohaammad Deeksisoo,daarektara olaanaa dhimma alaa fi komunikeeshinii Yunivarsiitii Jimmaa Doktor Wandimmuu Laggassaa fi Barsiisaa muuziqaa yunivarsitichaa Mulugetaa Shitee Poolisiin himata haaraa irratti dhiyeessuu abukaatoon isaanii ibsani.

Himatamtootni kunneen boombii harkaa darbachuun lubbuu milishaa motummaa irratti miidhaa gessisaniiru jechuun himataman jechuun abukaatoon isaanii Obsinaan Girmaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsaniiru.

KomishiniI mirga namoomaa Itoophiyaa adeemsi kun dhiittaa mirga namoomaati, yakka kanaan baatii afuriin dura namoonni magaalaa Jimmaa keessatti to'atamuu isaanii quban qaba jechuun ibserea.

Dhimma namoota kanneenii irratti qajeelcha poolisii magaalaa Jimmaa,Yunivarsiitii Jimmaa fi Abbaa alangee waliigalaa Oromiyaa irraa deebii argachuu hin dandeenye.

Mohammed Deeksisoo fi Hojjetoota Yunivarsitii Jimmaa Lama Irratti Poolisiin Himata Haaraa Bane
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:01 0:00


Yaadawwan Ilaali (4)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG