Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bordiin Filannoo Guyyaa Galmee Filatamtootaa Dheereessee jira


Faayilii - dura teechuu Boordii Filannoo Itoophiyaa, Birtukaan MIidhaksaa
Faayilii - dura teechuu Boordii Filannoo Itoophiyaa, Birtukaan MIidhaksaa

Itiyoophiyaa keessatti filannoo guutuu biyyaa isa 6ffaa baatii waxabajjii bara 2021 gaggeeffamuuf jiruuf kaadhiimamtoota galmeessuuf yeroo dabalataa kennamee Kamiisa Bitooteessa 4 bara 2021 kan xumuramee ta'uus hanga Guraadhala 30 bara 2013tti dheerachuu isaa ibsamee jira.

Bulchiinsa naannoo Amaaraa, Somaalee, Afaar, Uummattoota gama kibbaa, Sidaamaa fi Wallaggaa Bahaa fi Dhiyaa keessatti hanga guyyaa kennamee kanaatti kaadhiimamtoota galmeessuun kan itti fufuu ta'uun ibsamee jira.

Iddowwan hafan maratti hojiin galmeessuu kun xumuramuu Bordiin Guutuu Biyyaa Beeksisee jira jechuun Addis Chakkol gabaasee jira

XS
SM
MD
LG