Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kongiresii Ameerikaatti Koreen Birkii Dhimmootii Afriikaa Filannoo Ilaalchisuun Marii Geggeesse 


Faayilii - Dura teessuu koree sanaa miseensa mana maree Karen Baasii
Faayilii - Dura teessuu koree sanaa miseensa mana maree Karen Baasii

Mana maree Yunaaytid Isteetisitti koreen birkii dhimmootii Afriikaa waa’ee filannoo Afriikaa keessaa mari’achuuf jecha wal ga’anii jiran. kanneen wal ga’ii sana irratti haasaa dhageessisan keessaa dura teessuu koree sanaa miseensa mana maree Karen Baasii fi miseensa mana maree Kiris Ismiizii.

Kongiresii Ameerikaatti Koreen Birkii Dhimmootii Afriikaa Filannoo Ilaalchisuun Marii Geggeesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:02 0:00

Yunaayitid keessatti waggottan darban keessa kan ta’aa ture, kan angawoonni Yunaayitid Isteetisii fi taajjabdoonni sadarkaa addunyaa waa’ee filannoon naannoo addunyaa Awrooppaa, Asia, Latin Ameerikaa fi Afriikaa keessa dubbatan waliin wal fakkaata. Waan adda ta’e, Yunaayitid Isteetis keessaa dimokraasiin amma iyyuu cimaa dha.erga danqaan mudatee booda iyyuu taanaan aangoon nagaan akka walitti darbu ta’ee jira jedhan jedhan Karen Baas.

Haala US keessaa tasgabbeessuuf hojjetaa ennaa jirru kanatti, yeroo filannoon geggeessamu kanatti michoota afriikaa kanneen rakkoolee biyyoota hanga tokkoo keessaa, rakkoo dinagdee, rakkoo namoomaa amma immoos COVID-19 rakkoo itti ta’ee kanatti dimokraasii ofii ijaaruu fi cimsuu irratti hojjetaa jiran waliin, hojjechuun daran akka barbaachisu ni hubanna. Mata dureen keenya har’aa Afriikaa dha jechuun illee akkas jedhan.

Biyyoota Afriikaa filannoo haqaa fi walabaa geggeessan keessatti filannoon walabaa fi haqaa, filannoo gaariin geggeessamaniiru. Fakkeenyaaf Cap verde, Gaanaa, Botswaanaa, Afriikaa kibbaa dhiyootti immoo Niger keessatti. Kan nuti har’a as jirruuf biyyoota filannoo walabaa fi haqaa geggessuuf rakkatan ilaaluuf jeccha. Dhuga baatonni keenya filannoowwan milkaa’ina qabaatan ilaalchisee ibsa bal’aa akka kennan nan barbaada jedhan Bass.

XS
SM
MD
LG