Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haala Tigraay Keessaa


Faayilii - Magaala Maqalee

Golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa Kamiisa kaleessaa rakkoo Tigraay keessaa kan ilaaleen walgahiin gaggeesse walii galtee tokko irra ituu hin ga;iin hafuu isaa Diploomaatonni ibsanii jiru.

Gama kaaniin ajjeechaa fi hokkara saalaa Tigraay keessatti dhaqqabe himata jedhu qorachuuf Komiishinni mirga dhala namaa kan Tokkummaa Mootummootaa mootummaa Itiyoophiyaa ehama gaafatee jira.

Gara jalqaba torbana kanaatti seeneetarri Amerikaa Jiim Inhof mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmad waliin haala Tigraay irratti dubbachuun isaanii gabaafamee jira.

Tigraay seenuun akka danda'amu gochuuf Dr. Abiyyi tarkaanfii jabaa fudhatan kan isaan jajjabeesse ta'u senatarichi ibsanii jiru.

Yaadawwan Ilaali (2)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG